
Ilkaan nam-toolchee baafamee deebi’u kun ilkee nam-toolchee namni fayyadamu yeroo barbaadetti harka isaatiin baasee deebi’ee kaayyatuudha.
Yoom ilkaan nam-toolchee baafamee kaayamu fayyadamna?
• Yoo ilkaan hunda ykn irra hedduun kan buqqaate tahe
• Yoo lafeen a’amaa ilkee teenya baattu garmalee miidhamte
• Yoo qulqullina afaanii bifa salphaan eegachuu barbaanne
• Yoo rakkoo maallaqaa qabaanne
• Yoo rakkoo fayyaa humna ittisa dhukkubaa miite qabaanne
• Yoo yeroo gabaabaa qofaaf kan barbaannu tahe, keessaafu daa’immaniif
Faayidaa Ilkee nam-toolchee baafamee deebi’uu
• Bareedina deebisuuf
• Nyaata alaanfachuuf
• Sirritti sagalee hunda baaftee dubbachuuf
• Offitti amanamummaa cimsuuf
• Seequufi kofluu deebisuuf
• Umrii lafee a’amaa dheereeysuuf
• Baasii hir’isuuf