Jiraattoonni magaalaa guddittii Yukireen, Kiiyeev keessaa baqataa jiru. Lubbuun namootas darbeera.

Raashiyaan miisaa’eloota jalaqabaa gara Yukireeniitti dhukaasuu hordoofee, jiraattonni magaalaa guddoo biyyattii keessaa baqataa jiraachuun dhagahame.

Magaalaa Kiiyeev keessatti sagaleen akeekkachiiftuu yeroo balaa dhagahamuu hordoofee jiraattonni ariitiidhaan magaalattii gadhiisanii bahuuf daandiiwwan gurguddaa dhiphisaa jiru.

Odeeffannoo miidiyaalee hawaasaa irratti baheen jiraattoonni naasuu olaanaa keessa galaniiru.

Kanneen dahoowwan lafa jalaa dhohiinsa irraa of ittisuuf hojjataman keessa kan galanis jiraachutu himame.

Jiraattoonni tokko tokkoos daandiiwwan irratti wayita kadhannaa taasisan TV’n kan argaman yoo ta’u, kaan ammoo maallaqa baankii yoo baasan mulataniiru.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *