
Kaanseriin kun kaanserii mar’ummaan furdaa fi buubbuu irratti uumamu yoo ta’u yeroo ammaa kana gosoota kaanserii garmalee babal’ataa jiran keessaa isa hangafa.
Wantootni kaanserii kanaaf nama saaxilan፦
- Ulfaatina qaamaa garmalee(obesity)
- Umurii gara dullumaa
- Sigaaraa xuuxuu,
- Nyaata akka foon dheedhii yeroo hedduu soorachuu
- Alkoolii dhuguu
- Madaa’uu marrummaanii yeroo dheeraa
- Akkasumas namootni firootni dhiyoo isaanii kaanserii Marrumaan furdaafi buubbuun qabaman ykn du’an carraa dhibee kanaan qabamuu isa guddaa qabu.
MALLATTOON KAANSERII KANAA MAALI?
- Sagaraa dhiigaan makame
- Dhukkubbii garaa bubbule
- Jijjiiramuu amala marrumaanii jechuunis gogiinsa garaa (constipation) fi garaa kaasaa (albaatii) namatti deddeebi’u.
- Ulfaatinni qaamaa gadi bu’uu
- Hir’ina dhiigaafi mallattoolee isaan walqabatan fa’aa yoo ta’u namni mallattoolee armaan olii muraasa ofirratti arge gara ogeessa fayyaa deemee qoratamuu qaba.
AKKAMITTI OFIRRAA ITTISUUN DANDA’AMAA?
Harki caalaan isaa haala jireenya keenyaa wajjin waan walqabatuuf carraan kaanserii kanaan qabamuu kanneen armaan gadii gochuun hir’achuu ni danda’a.isaanis :-
- sochii qaamaa hojjechuu
- alkoolii dhuguu dhiisuu
- sigaaraa xuuxuu dhiisuu
- foon dheedhii yeroo baayyee soorachuu dhiisuu fa’aadha.