
Kantiibaan magaalaa finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee gaaffiilee dhimmoota Addabaabayii Masqalaa waliin walqabatee kaa’aniif deebii laatan..
Akka Aadde Adaanachi jedhanitti dursa gaaffii Amantoonni pirotestaantii lammiilee garee shororkeessaa Tplf tiin miidhamaniif sirna galii walitti qabinsaatiif Addabaabayii Masqalaa gaafachuu isaanii ibsaniiru.
Itti dabaluunis gama keenyaan heeyyamni karaa seera qabeessa ta’een akka Isaan Addabaabayii kanatti fayyadamaniif kennameefira jechuun dubbataniiru.
Garuu dhimmicha gurra Kan guddise saganticha geggeesuuf guyyaan tokko yemmuu hafu namni saganticha waliin walitti dhufeenya hin qabne haasaa Addabaabayii ni boojina jedhuun ta’uu himaniiru.
Haasaan Kunis hordooftoota amantii ortodoksii birratti mormii fii mufannaa akka kaasee fii mormii gama kanaan ka’e qabaneessuuf yaalii hubannoo kennuu taassisnus namoonni baay’een isaanii miira keessa waan turaniif Wal hubachuu hin dandeenye jedhan.
Aadde Adaanachi itti dabaluun gaaffii kana ni qabbaneessa jedhee waanan yaadeef waltajjii irratti ba’een Addabaabayiin Masqalaa Kan uummata maraa akka ta’e dubbadheera jedhan.garuu haasichi anaa qofaan osoo hin taane hoggantoonni duraan turanis jechaa turaniiiru jechuun gaaffii ka’eef deebii laataniiru..
Dhumarrattis nuti jechaa Kan jirru gaaffii ka’e kanaaf karaa seeraa fii nagaa ta’een rakkicha haa furru Kan jedhudha. Kallattii ragaa qabuu fii odeeffanootiin furuuf carraa danuutu jira garuu kallattii seera qabeessa ta’een gaaffii uummanni kaaseef yeroo dhiyootti furmaata ni kennina jechuun Aadde Adaanachi dubbataniiru.
Mariin Abbootii amantaa waliin gochaa jirrus bu’aa qabeessa taa’aa jiraachuu odeefannoon waajira kantiibaa magaalaa finfinnee irraa arganne ni muli’isa.