
Lammiileen Afrikaa Yukireenitti dheebotan cabbii baqee dhugaa jiru. Lammiileen Naayijeeriyaa, Gaanaafi Somaalii barattoota dhibbaan lakka’amaniifi magaalaa Kaaba-baha Yukireen Simii keessatti rakkattanii jiranidha.Magaalaa kana Raashiyaan haleelaa turte.Gabaan hin jiru, bakki maallaqa baafatan hin dalagu, bishaan dhugan waan dhabaniifis cabbii baqe dhugaa jiru.
Barataan Hindii Vipin Yadaav jedhamullee achuma kanneen magaalatti keessa rakkatan keessaati.Akka tilmaama isaatti barattoonni alaa 1,300 ol ta’aniifi Baangilaadesh, Paakistaaniifi Turkiitii dhufan dabalatee achitti rakkataniiru.Bilbilaan gaazexeessaa BBC Daanii Ayeberhaarditti kan dubbate Yadaav guyyoota 4-5’f wanti nyaatan hin jiru jedhe.Mootummoonni Naayijeeriyaafi Gaanaa lammiilee isaanii biyyatti galchaa jiru.