
Akka aadaa Biyyoota tokko tokko keessatti haxxifannaan mallattoo milkii arguuf jiru jedhu,.
Biyyoonni tokko tokko immoo haxxifachuun yeroo haasawaa (waliin dubbii) irra otuu jirtuu haxxifannaan jechii dubbachaa jirtu sun dhugaadha jedhanii amanu.
Amantilee tokko tokko keessattiis yeroo haxxifannaa irra jiranitti waaqa galateeffatuus jiru.
Garuu maaliif haxxanna ?
Akkuma beekkamutti guyyaatti gosa jarmiilee gosa dhukkuba gara garaa walakkaa miliyoonaa olitti tilmaamamu carraaqqii kallattii funyaani afaan keenyaatiin qaama keenya seenuuf yaalu.
Akkuma beekkamu qaawn funyaan keenyaa keessatti mallatto akka Jiidhaa fi rifeensa argamuun ittifamanii hafuu danda’u,.
Haaluma sanaan jarmiileen tokko tokko rifeensa fi jiidha funyaan keenya sana bira darbuun yeroo qaama keenyaa seenuuf jedhuutti haxxifannaa mudateen jarmiilee sana gara alaatti baasuu danda’u.
Akkaataa khanaan jarmiin tokko tokko haxxifannaa sana injifachuun gara keessaa lixuuf yaalu, yeroo khanatti mallattoon qufa’a uumama,.
Jarmileen tokko tokko cichanii gara keessaa lixuu danda’u, yeroo kanatti qaamni keenya tarkaanfii isa dhumaa dafquun of-baraaruu danda’u..
Haala khanaaniis dandamachuu yoo dadhabe gara qaama keenya hubutti ce’uu danda’a.