
Taaddasaa Gichillee jedhamu, maanguddoo ganna 69 fi abbaan ijoolee 11 yoo ta’an, bara darbe sababii qabxii tokkaatiif jecha hawwiisaanii bara dheeraa kan ta’e yunivarsiitiiosoo hin seeniin hafan.
Haata’u malee bara kana ammoo qabxii 502 fiduudhaan yunivarsiitii Jimmaa seenuudhaan jecha ‘barnoonni umuriidhaan hin daanga’u’ jedhuu kan mirkanneessan fakkaatu.
Obbo Taaddasaan Godina Lixa Wallagga Aanaa Ganjiitti bara 1945 keessa dhalatan. Umurii ijoollummaatti abbaan isaanii du’aan dhabuu kan himan Taaddasaan, bu’aa bayii jireenyaa, rakkoofi hiyyummaa hedduu keessa darbuu BBC’tti himan.
Sirna bulchiinsa Dargii keessa sababii garaa garaatiin kan ka’e barachaa of jiraachisuun baay’ee waan itti ulfaateef kutaa kudhan keessaa barnoota dhaabuuf dirqamu dubbatan.
Obbo Taaddasaan jaalala barnootaa guddaa qaban irraa ka’un sirna barnoota haaraatti barnoota kutaa kudhaniitti dhaaban sana irra deebiidhaan Aanaa Ganjiiitti kutaa 8 irraa eegalanii barachuun barnoota sadarkaa lammaffaa akka xumuran himu.
Bara darbe wayita qormaata seensa yunivarsiitii qoramaniitti, qabxii tokkitiif jecha osoo yunivarsiitii hin galiin akka hafan himan Obbo Taaddasaan.
Ganna keessa qayyabachaa turuun ammoo, ”kunoo xiiqiidhuma qabaadhee dhunfaan qoramee baran gargaarsa Waaqaa waliin qabxii 502 fiduudhaan yunivarsiitii seenuu danda’eera,” jechuun gammachuun waan keessa darban himu.
”Barnootni umuriin hin daangeffamu. Anis kanaafan carraa ijoolluummaan darbee attamiinan argadha jedhee yaaduun barnootatti deebi’ee, amma Yunivarsii Jimaatti argamu danda’eera,” jechuun feedhii barnootaa qaban himan.
‘Miila duwwaan baradhe’
Wayita barnoota sadarkaa lammaffaa barataa turan haalli keessa darbanif baayyee cimaa akka ture himu.
“Yeroon Dambidoollootti kutaa 9 fi 10 baradhu rakkina jabduu keessa taa’een miilakoo duwwaan barachaa ture” jedhu Taaddasaan.
Haata’u malee ofiisaaniitiif barachuuf dadhaban illee ijoolleesaanii 11 keessaa kaan heerumsiisuu, ilma tokko ammoo barsiisanii yunivarsiitiidhaa eebbisiisuufi kaan ammoo barsiisaa jiraachuu BBC’tti himeera.
Barataa Taaddasaan jaalala barnootaa guddaa qabaachuu dubbata. Kanarraa kan ka’e sirna barnoota haaraatti irra deebiidhaan Aanaa Ganjiiitti kutaa 8 irraa eegaleen qabxii olaanaa galmeessaa akka turan himu.
Bara kutaa 12ffaa xumuranittis qabxii tokkitiif jecha osoo yunivarsiitii hin galiin akka dhabeen kan himan Obbo Taaddasaan, ”barana garuu xiiqiidhuma qabadhe qabxii 502 fiduudhaan yunivarsiitii seenuu danda’eera,” jechuun gammachuun waan keessa darban himu.
Gosa barnoota baayolojii haalaan jaalachuu kan himu barataa Taaddasaan, gara fuulduraattiis saayinsii fayyaa barachuu akka fedhan dubbatu.
Kutannoofi fedhii barnootaa olaanaa ofiin qaban alattis, simannaa hawaasni yunivarsiitii Jimmaa isaaniif taasisee daran haamileesaanii kakaasuufi akka isaan gammachise dubbatu.
Yunvarsitii galanii barachuudhaaf hawwii bara dheeraa qabaatanilleen, gaafa qabxii yunivarsitii isaan galchu argachu dhagahan nahu dubbatu.
”Gaafan qabxii kana fiduu fi yunivarsiitii seenuukoo baru nan nahe. Qe’ee, maatii eenyuttan gatee deema jedheen yaadda’e,” jedhu.
Haata’u malee ”Haati manaankoo fi ijoolleenkoo, ‘dirqama deemuu qabda’ jedhanii human naaf ta’aniin kunoo amma yunivarsiitii Jimmaa dhufee barnoota koo eegale,” jechuun BBC’tti himeera.
Obbo Taddasaan Jimaata Caamsaa 13, 2022 sagantaa yunivarsiitiin Jimmaa Instiituutiin Teeknoolojii qoheesse irratti argamuun gorsa hedduu barattootaaf kenneera.
Yunivarsiitii Jimmaatti, Daarektarri Akkaadamik Instiituutii Saayinsiifi Teeknoolojii kan ta’an, Injinar Efreem Waaqjiraa barataa Taaddasaan umurii kanaan yunivasitii isaanii galuun hawaasa naannawasaaniitti argamu hunda akka kaayyoof onnachisu himan.
“Barataa Taaddasaan akkuma maqaa abbaasaa Gichilleedha; barattoota haaraa qofaaf otoo hin taane warra buleeyyis, hunduma keenyayyuu kaayyoof kutachuu barsiisa,” jechuun BBC’tti dubbatan.
Itti dabaluudhaanis, karaa barbaachisu hundumaan barataa Taaddasaafi maatii isaanii bira dhaabbachuun akka gargaarsa taasisaniif himan.
Barataan maanguddoo Taaddasaa gamasaanitiin, ”Namni kamiyyuu waan yaade yoo kutannoodhaan hojjete galma ni gaha,” jedhu.
Karoora garafuula duraa
Waa’ee karoorasaanii gara fuualduraa dubbatanis, barnoota isaanii qabxii gaariidhaan goolabuun ofiisaanii fi biyyaaf kan gaheesaanii gummaachuu akka barbaadan dubbatan.
Ammatti damee barnoota filachuu baatan illeen, gosa barnoota baayolojii haalaan waan jaalataniif gara fuulduraattiis saayinsii fayyaa barachuu akka fedhan dubbatu.
”Namni barachuu kan qabu ittiin mindaa argachuuf qofaa osoo hintaanee warra kaaniifilleen haala ittiin hojii umuu yaadu qaban,” kan jedhan Obbo Taaddasaan, barnoota yunivarsitii kanas kan galan ittiin sammuusaanii gabbifachuuf malee kaayyoo mindaa ittiin argachu qofaa akka hin qabaanne himu.