
Dubartoonni tokko tokko yoo si waliin gargar bahuu filatan yeruma san dhugaa sitti himanii, hariiron keessan kana caalaa akka itti fufuu hin dandeenye sitti himan. Haa ta’uu malee, irra caalaan isaanii mallattoolee fi mala adda addaa fayyadamuun sitti agarsiisuu filatan.
➲ Ergaa barreeffamaa(bilbilaan) siif barreessuu dhaabdi. Dubartoonni ergaa namaa barreessuuf tasumaa yeroo hin dhaban. Yoo duraan siif barreessaa turtee, amma kan dhiistu ta’e, si waliin itti fufuuf fedhii dhabuu ykn hir’inni sibira akka jiru agarsiisa.
➲ Facebook irratti hariiroo(relationship) ishii osoo sitti hin himne dhoksiti (hide gooti). FB irratti relationship status ishee ni dhooksiti ykn single gooti. Sababnis akka ishiin jaalallee hin qabne adunyatti waan mullisuuf. Yoo single gooti ta’e, jaalallee biraa barbaaduu ishii mullisa.
➲ Waa’ee ishee fi hiriyoota ishee si waliin haasa’uu dhaabdi. Dubartiin takka waa’ee mataa ishee fi hiriyoota ishee akkasumas yaadaa fi miira ishee sitti himuu yoo dhaabde, si waliin itti fufuuf fadhii akka hin qabne agarsiisa. t.me/garritube
➲ Jireenya hawaasaa keessati dhimma ishee si hin hirmaachistu. Hiriyootaa fi maatii shee waliin wal qunnamuu kee hin barbaaddu yoo ta’e, gargar bahuun keessan filannoo ishii ta’uu mullisa.
➲ Olmaa fi bultii kee irraa waan tokko si hin gaaffattu. Shamarreen takka yoo si jaalatte hojiin kee hundi ishee hawwata akkasumas haasaa ishee keessatti hammam akka siif dhimmoomtuu fi hordoffii eegumsaan wal qabate akka siif gootu siif ibsuu yaalti.
➲ Karoora fi waa’ee fuula duraa si waliin haasa’uu fi yaaduu dhiisti. Dubartiin takka yoo si jaallatti ta’e, waa’ee fuuldura lamaan keessanii yaaduu fi mari’achuu hin dhiistu.
➲ Haalli gaariin tokko yoo ishii qunname ykn wanti gaariin tokko yoo isii mudate, ati dhagahuudhaaf nama xumuraati. Mallattoon kun haalaan sodaachisaadha keessatuu warra bultii qabaniif. kana jechuun ati nama isitti aanuu fi fira dhihoo akka hin ta’in mullisa.
➲ Yeroo si waliin taatu hunda haala jibbisiisaa agarsiisti. Kanaas kan gootu, akka waliin ta’uu keetti hin gammadinii fi akka ati ishiirraa fagaattu gochuufi. Yoo dubbattees dubbii kee karatti kutuunis asuma jalatti ramadama.
➲ Si waliin walitti dhihaachuu hin feetu. Yeroo ati harkashee tuqxe ofirraa si darbuu fi yeroo ati hammachuuf jettu, ofirraa si dhiibdi.
➲ Yoo yaada ykn komii irratti kennite hin fudhattu. Dubartiin takka yoo komii kee ni tuffatti ta’e, fkn waa’ee dhaabbinashee akkasumas waa’ee bareedina ishee irratti ta’uu mala. yeroo kana si jibbuun ishee ifaadha.
➲ Tapha fi baacoo kee kamiifuu hin kofaltu. Yeroo ati taphattu haajaa dhabuu fi waan feete dubbattuus kofluu dhabuun, jibbaa fi tuffii hamaa mullisa.
➲ Dubartii biraa waliin waan feete yoo hojjattees dhimma hin qabdu. Kan qofa hinaaftu, har’a garuu dhimma tokkollee hin qabdu, kunis harka kee keessaa bahuuf yoo fedhii qabaatte, dubartii biraa sababa godhachuun salphumatti akka siin gargar baatuuf waan gargaaruuf.
➲ Sababa heddummeessuudhaan walqunnamtii saalaa diduu. Yeroo hunda “mataa na dhukkuba. , waaniin hojjadhuun qaba. , xurii ykn laguun qaba.” jechuun yeroo hunda sababa adda addaa dhiheessiti.
➲ Tolaas ta’ee badii kee hin mormitu. Kana jechuun rakkoo fi miidhaa sirra gahu irraa si gorsuuf fedhiin ishii dhumeera jechuudha. Akkasumas badii feete yoo hojjatte ishii hin galchu. Amalli kee yoo jijjiiramees waan ishii galchu hin qabdu. fkn Aarsuu, alkoolii dhuguu fi kkf yoo argitees akka ati irraa deebituuf gumaacha tokko hin gootu.
➲ Dubbii xiqqoo si barbaaddee gara lola ho’aatti jijjiirti. Akka diinaatti waan si ilaaltuuf birxee si barbaaddee gara lolaatti jijjiiruun sirraa buqqa’uuf yaalii gooti. Atis yoo yaa’ii waliin oowwifte, si dhiistee deemuuf carraa argatti jechuudha. Yoo xiqqo walitti mufattanillee, “an si hin barbaadu” jechuu heddummeesiti.