
Marayaa jechuun wanta ija fuula duratti kaa’atamu (uffatamu) ta’ee fuullee lamaa fi qabannoo gurraa lama kan qabu dha. Fuulleen marayaa irra jiru akka barbaachisummaa isaatti kan ifa of keessa dabarsuu danda’u (transparent) yookaan kan ifa ittisu (opaque) ta’uu danda’a.
MARAYAAN GOSA MEEQA QABA?
Marayaa gosa gurguddaa sadiitu jiru:
- Kan leensii of keessaa qaban
- Kan ‘piriizimii’ (prism) of keessaa qaban
- Kan leensiis piriizimiis of keessaa hin qabne
Marayaa leensii of keessaa qaban jechuun kan dandeettii agartuu dabaluuf gargaaran jechuu dha. Namoota dhihoo irraa yookaan immoo fagoo irraa arguu hin dandeenyeef dandeettii agartuu isaanii sirreessuuf gargaara.
Marayaan piriizimii of keessaa qaban dhibee ‘Ballaa’ (ija jal’ate) sirreessuuf gargaaru. Namoota dhibee ‘Ballaa’ qaban keessatti iji lachuu gara qixa tokkoo utuu hin taane gara kallattii garaa-garaa ilaalu. Namoota akkanaatiif marayaa piriizimii of keessaa qaban fayyadamuudhaan iji lachuu wal-faana gara qixa tokkoo akka ilaalan taasisuun ni danda’ama.
Marayaan leensiis piriizimiis of keessaa hin qabne immoo dandeettii agartuu dabaluuf yookaan ija jal’ate sirreessuuf kan gargaaran utuu hin taane faayidaa biraatiif kan oolan dha. Marayaan akkanaa akka barbaachisummaa isaaniitti kan ifa of keessa dabarsan ta’uus dhiisuus ni malu.
FAAYIDAAN MARAYAA MAAL FA’A?
Namootni sababa adda addaatiif marayaa fayyadamuu danda’u. Faayidaan marayaa kunis akka fedhii isaaniitti yookaan akka dhibee isaaniitti addaa adda ta’uu mala.
Walumaagalatti, faayidaaleen marayaa kanneen armaan gadiiti.
- Dandeettii agartuu dabaluuf gargaara:
(a). Namoota hanqina qaroo dhihoo qabaniif
(b). Namoota hanqina qaroo fagoo qabaniif
(c). Namoota sababa dullumaatiin dubbisa dadhabaniif
(d). Namoota boci waa tokkoo jajal’atee itti mul’atu (astigmatism) sirreessuufiif gargaara - Cimina ifa aduu hir’isuuf:
(a). Namoota iji isaanii ifa sodaatuuf
(b). Namoota ifa keessatti waa arguu hin dandeenyeef
(c). Dhibee ijaa sababa xiyya ifa aduutiin dhufan ittisuuf yookaan hir’isuuf - Calaqqee (reflection) kompiyuutaraa hir’isuuf:
- Ija jal’ate (‘Ballaa’) sirreessuuf:
Dhibeen ‘Ballaa’ marayaadhaan sirreeffamuu danda’u ija xiqqoo jal’ate (small angle strabismus) qofa dha. Ija baay’ee jal’ateef garuu marayaan furmaata hin ta’u. - Ija balaa irraa eeguuf:
Namootni sababa dhibeetiin yookaan sababa balaatiin ija isaanii tokko dhaban marayaa fayyadamuu qabu. Sababni isaas iji inni nagaa sun balaadhaan miidhamuuf carraa olaanaa waan qabuuf dha. - Waa haguugee dhoksuuf:
Marayaan waa dhoksuuf gargaaru kun fuulleen isaa kan ifa of keessa hin dabarsine dha. Kanneen armaan gadii haguugee dhoksuuf gargaara:
(a). Ija dhibee yaalamuu hin dandeenyeen miidhaan irra ga’e
(b). Boolla ijaa duwwaa ta’e (kan iji sababa dhibeetiin yookaan balaan keessaa baafame) - Bareedinaaf:
Namootni akkasumaan marayaa fayyadamuu jaallatan ni jiru. Yeroo tokko tokko akka marayaan ajajamuuf kan ogeessa gaafatan ni jiru. Marayaa faayidaan isaa hin beekamne tokko ogeessa gaafachuu irra ofumaan bitachuutu furmaata ta’a.
MARAYAAN IJA MIIDHUU NI DANDA’AA?
Marayaan akka barbaachisummaa isaatti ajaja ogeessaatiin safaramee hojjetame tokko miidhaa ija irraan hin geessisu. Marayaa ogeessaan namaaf ajajame tokko fayyadamuun dhibeen ijaa akka sadarkaa hammaataa irra ga’u hin taasisu. Garuu, marayaa leensii of keessaa qabu tokko utuu hakiima hin mariisisiin ofiin fayyadamuun miidhaa qabaachuu mala. Miidhaa haala kanaan dhufuu danda’an isiniif tarreessuu koo caalaa marii ogeessaa malee marayaa leensii of keessaa qabu kamuu fayyadamuu akka hin qabne isiniif himuu kootu isin fayyada.
Dr. san