
Kaanadaa Masjiida tokko keessatti hordoftoonni amanta Islaamaa osoo kadhannaarra jiranuu guyyaa Sambataa ganama nama qottoo waan faca’u waliin miidhaa qaqqabsiisuuf ture to’annaa jala olchuu poolisiin beeksiise.
Namtichi to’annoo jala kan oolfame erga hordoftoonni amantichaa humnaan wallaansoo qabuun to’ataniin booda.
Hordoftoota amantichaa keessaa namni tokkoo qottoo namticha harkaa fudhachuun hanga poolisiin bakkicha qaqqabutti akka hin sochoofneetti lafarra cibsanii tursiisuu midiyaaleen Kaanadaa gabaasan.
Dargaggoon umuriin waggaa 24 kuni erga to’annoo jala oolfameen booda himannaan irratti banameera.
Namni kunis dhangala’aa facaaseen hordoftoota amantichaa tokko tokkoo irra miidhaan qaqqabuu imaamiin masjiidichaa dubbatan.
Hordooftoota amantichaa keessaa tokko, taatee kanaan ”sodaachiisaa” jechuun kan ibse yoo ta’u, namtichi harkasaatti qottoo qabachuun, dhangala’aa akka miximiixaatti nama gubuu namoota irratti yoo facaasuu osoo hin argiin dura iyya dhagahu dubbata.
”Yeroo sanattis jalqaba namtichi yoo dhangala’aa sana facaasuu namoonni marsaa jalqabaarraa turan waan tokko akka uumamee hubatan. Ittaansees warra dhiiraa darggaggootaa keessaa tokko wallaansoo qabuun osoo namtichi qottoo qabatee tureen miidhaa qaqqabsiisuu hin jalqabiin harkaa fuudhe,” jechuun ture Nuuraanii Seeraalii gaazeexaa Kaanadaa The Globe and Mail jedhamuutti kan hime
Achiinis dargaggeessichi hanga poolisiin bakkicha qaqqabutti namticha qabee tursiisuu himeera.
Imaamiin Masjiidichaa Ibraahiim Hiindiim ibsa kennaniin haala namtichi gara sana itti seenee, ”osoo hordoftoota kamuu irra miidhaan hin qaqqabiin dura hordoftoonni hedduun gochicha gootummaan dhaabisiisuu danda’aniiru,” jedhan.
”Hawaasni keenya yoomuu hin cabu, miidhaa didneera,” jedhan Imaam Ibraahim.
Poolisiinis maqaan nama to’annaa jala oolfamee Mohaammad Mooyizii Omaar akka jedhamu ifa taasiseera.
Nama kanarratti, lubbuu balaarra buusuu, ykn meeshaadhaan qaamarra miidhaa qaqqabsiisuu fi wanta balaafamaatti fayyadamuu jedhu dabalatee yakkawwan jahaan himannaan irratti banameera.
Jalqabarratti namtichi gochaa kana maaliif akka raawwate mirkana ta’un rakkisaa ta’ulleen, ammatti qorattoonni garuu ”taatee jibbarraa maddee” jedhanii akka amanan ibsu.
Ministirri Mummee Kaanaadaa Jastiin Turudoo namoota bebeekamoo biyyatti gochiicha balaaleeffatan keessaa tokko. Gochi kunis kan baayyee nama ‘sukkaneessu” jechuun, gootummaa namoota masjiidicha keessa turanii dinqisiifataniiru.
Hawaasni Isilaama Kaanaadaa bara 2017tti haleellaa Masjiika magaalaa Kiiyuubeek kan du’a namoota jahaafi kanneen 8 ta’an miidhaaf saaxileendabalatee yeroo baayyee miidhaan irra gaheera.
Bara darbe keessas Ontaariiyoo keessatti miseensoonni maatii tokkoo afur konkolaataa tokkoon rukkutamanii ajjeeffamanii ture. Poolisinis gochaa sanaan ”haleellaa jibba isilaamummaa itti yaadamuun raawwatame” jechuun ibsuunsaa ni yaadatama.