
Ministeerri Dhimma Alaa Masrii hidha haaromsaarraa anniisaa elektirikii maddisiisuu eegaluun qajeeltoowwan waliigaltee biyyootaa kan cabsuudha jechuun Masriin akka tarkaanfii Itoophiyaa mormitu ibse.
Ministeerichi ibsa kaleessa baaseen Itoophiyaan hidha kanarraa annisiisaa maddisiisuu eegaluun, qajeeltoowwan waliigaltee Sudaan fi Masrii waliin irra ga’amee ture kan faallessuudha jedheera.
Mootummaan Sudaanis gamasaan tarkaanfii Itoophiyaan fudhatte kana mormeera. Sudaan hidhi haaromsaa hammeentaa bishaanii na jalaa hir’isa jechuun sodaa qabdu ibsaa turte.
Barruun al-Sahya jedhamu qondaala Ministeera Dhimma Alaa Sudaan Omar al-Farouq wabeeffachuun akka gabaasetti, Sudaan hidha haaromsaarraa anniisaan elektirikii maddisiifamuu eegaluurraa mormii cimaa qabdi.
”Tarkaanfiin Itoophiyaa miira waliin hojjechuuf uumamee tureen faallaadha” jechuun qondaalli kun miidiyaatti himan.”Akkaataa guutiinsa bishaanii fi oppireeshinii hidha kanaarratti ejjennoon Sudaan yoomuu hin jijjiiramu. Waliigalteen seera qabeessi jiraachuu qaba,” jedhan.
Waggaa 11 dura kan eegalame pirojektiin humna ibsaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, biyyoota laga Abbayyaa waliin qooddatan Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan gidduutti madda waldhibdee ture Dilbata kaleessaa, Guraandhala 20, 2022 anniisaa maddisiisuu eegale.
Hidhi kun tarbaayinoota anniisaa maddisiisan 13 kan qabu yoo ta’u, kanneen tokko kan hojii eegale anniisaa meegaa waatii 375 maddisiisa.
Tarbaayinoonni 13n wayita hojii eegalan walumaagalatti anniisaa meegaa waatii 5, 150 maddisiisu.
Itoophiyaan hidha kanarraa anniisaa maddisiisuu eegaluun murteen kophaashee murteessite waliigaltee kan cabseedha kan jette Masriin, kanaan duras wayita Itoophiyaan bishaan guuttu komii walfakkaataa dhiyeessitee turte.
“Murteen kun qajeeltoowwan waliigaltee Itoophiyaan karaa MM biyyattii bara 2015 mallatteessite kan sarbe ta’uu Masriin mirkaneessiteetti,” jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Masrii kun.

Hidha haaromsaarraa anniisaa maddisiisuu eegalsiisuuf sirna qophaa’erratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad faayidaan pirojektichi Sudaan fi Masriif qabu guddaadha jedhan.
”Pirojektiin har’a anniisaa elektirikii kennuu eegale biyyoota yaa’a gadii- Sudaan fi Masriifis bu’aa guddaa waan ta’eef baga gammaddan,” jedhan MM Abiy.
”Dhiibbaa fi qormaata nurratti uumtaniifis baayiseen isin galateeffadha,” jechuun biyyoota yaa’a gadiif dhaaman.
”Bishaan kuufame kun akkuma argitan anniisaa erga maddisiisee booda, darbee gara Sudaan fi Masrii deema malee akka odeeffamu mootummaan Itoophiyaa biyyoota yaa’a gadiirraa bishaan kutuun dheebossuu fi beelessuuf akka hin taane kan dubbachaa turre kunoo gochaan mul’isne,” jedhan.
Hojii hidha haaromsaa gufachisuuf jecha humna, maallaqaa fi yeroo hanga ammaatti qisaasame irraa barachuun, kanaan booda qindoominaan waliin hojjennee misoomuurratti yaa xiyyeeffannu jechuun dhaaman.
Ministirri Muummee Abiy eebbi guddaan har’a ta’uu fi Kanaan booda itti dabalaa deemuurratti cichuudha malee wanti yeroo yeroon eebbisaa deemnu hin jiraatu jedhan.
”Kanaafuu haala biyyoota yaa’a gadii- Masrii fi Sudaan hin miidheen[fayyaduun], nuufis karaa faayidaa kennuun waliin tumsuu akka qabnun dhaama,” jedhan.