Miidhaa Dubartootaa: Gidiraa shamarree Goojjam dhiirota ja’aan gudeedamtee

Maahilet Abbabbaa Shamarree waggaa 17 yoo taatuu, magaalaa Baahir Daar keessatti dhiiroota jahaan dirqiisiifamtee gudeedamuun miidhaa qaamaafi sammuuf saaxilamu BBC’tti himte.

Seenaa ishee guutu dubbifadhaa.

Maahilet Abbaabaa (maqaan kan geedarame) dhalattee kan guddattee Gojjam Liixaatti. Barnootas hanga umuriishee waliin adeemuu barattee jirti.

Eenyummaa ishee adda baasuun nageenya ishee booruutiif jecha ragaa barnootaafi odeeffannoo dhunfaashee yeroof bira darbuu murtessineera.

Gara magaalaa Baahir Daar kan deemtees maatii waliin mari’achuun barnoota ishee itti fufuu ture. Haata’u malee, hawwiin isheen barnoota itti fufuuf qabdu kunis sababii adda addaatiin akka barbaaddetti hin milkoofneef.

Kanaafuu filmaata biraa barbaacha hojii barbaaduu eegale.

”Kanuma argamen hojjadha ture. Puulii xabachiisuu eegaleen ture. Itti aansee mana dhugaatiitti keessumeessuun eegale,” jechuun umurii malee attamiin hojii hedduu akka hojjachuu eegaltee himti.

Hojii argachuuf baayyee hin rakkannee ture. Hojiichas kan argatte karaa namoota isheefi namoota ishee hojjachiisan beekaniitiin ture. Dhumarratti mana dhugaatii (girosarii) xiqqoo tokko keessa hojjatte turte.

Guyyaa Roobii ALI Waxabajjii 10, 2012 sababii Covid -19n hoojii dhaabnee waan turreef manuman oolan ture jechuun mudannoo ishee akkasiin himti Maahileeti.

Naannoo sa’aatii 10 qilleensa fudhachuufan manaa bahe gara Xaanaatti. Hiriyyaa kiyya waliin baanee osoo hin dukkanoofne haa deebiinu jenne manaa bane. Hiriyyaan waliin bahanees jaalallee kiyya osoo hin taane gurbaadhuma safaratti ijaan beekuudha.

Naannoo sa’aatii 10:30 ni ta’a. Gurbicha walinis ijoollee dhiiraa lamatu ture. Isaanis mucaan ani beeku sana qabanii erga hambiisanii booda anaan ammoo na fudhii deema.

Isaan keesssaa gurbaan ijaan qofa beeku nagumaan natti haasaa’aa ture. Keessa kiyyatti inni hirriyaa kiyyaa maaliif hin dhufne jedheen eegaa ture.

Haata’u malee, isaan isa hari’anii turan booda akkan hubadheetti. Innis biyya kami dhuftee? Maal baratta? Hojiin attamii hojjatta? Jedhee na gaafataa ture.

Gurbaan inni tokko uffata (tuttaa) garaajii akkuma uffatetti ture. Boodas ‘deemuufanan’ jedheen. Innis ‘lakkii eessayyuu hin deemtu. Ana waliin bakka ta’e deemta’ naan jedhe.

Lakkii jennaan cuubee baasuun na sodaachisee bakka ta’e na geese. Eddoonsaas Baahir Daar ganda 03 jechuudha. Boodas hiriyyoonni isaa lamaan dhufan. Akka hin iyyiineef cuubee cinaachatti na akeekee na sodaachisaa ture.

Mana guddaa dallaansaa qorqoorroon ijaarameedha. Manichi jijjigaa biyyoon ijaarameedha. Namuu keessa hin jiraatu.

Yoo ol seennuus ijoollee sadii agarree. Erga seennee booda hin taa’u jennaan kaballaan na rukkutee akkan taa’uuf na ajajan. Achiin boohuun eegale.

Achiin boodas, hiriyyoonni isaa hunduu ana waliin ciisuu akka barbaadan natti hime. Garuu inni safaratti waanan si beekuuf kun akka ta’u waan hin barbaadneefuu osoo isaan hin dhufiin dura akkan isa waliin quunnamtii saalaa raawwadhu na gaafate.

Anis lakkiin jedhee dide. Ana waliin daftee yoo ciifte siin baasa. Isaanis si waliin ciisuu barbaadu waan ta’eef naan jedhe. Achinis ‘adaraa haadha keetii’ jechuun kadhachuun eegale.

Innis ‘maaliishiin? Hundaan dirqiisifamtee qudeedamuu barbaaddee? jechuun na arabsee. Kadhannaa cimsulleen ‘siif hin beeku’ jechuun kaballaan na rukkute.

Ani dinnaan cubee duraa sana baasee ‘kanaanan si mummura’ naan jedhe. Uffata garaajii uffatee ture cuubeedhaan ofiirraa baqaqsee baasuun ‘yoo diddee sis akkasittiin qullaa kee asi sii baasa’ naan jedhe.

Isaan boodas diriqiin quunnamtii saalaa narratti raawwatee erga xumureen booda ‘koottu asiin si baasa’ naan jedhee harka kiyya na qabe. Osoon boohuu, nagaan osoo tole jettee turte akkasiin hin miidhamtu ture, uffanni keessi sirratti hin tarsa’u ture’ naan jedhe.

Na reebee waan tureef fuulli kyyas baayye narratti dhiitaa’ee ture. Baayyee waan na reebeef garaan kiyyas miidhame ture.

Achiin booda kottu karran si baasa naan jedhee manaa gadi baasuun hiriyyota isaa ala turaniitti na dhiisee natti qoosaa dallaa keessatti na gatee bahee deeme.

Isaan boodas shan ta’anii wal duraa duuba yoo natti dhufan iyyuun eegale.

Isaan keessa tokko baayyiftee jirta jechuun muka dallaa keessaa irraa ulee muree na reebuu eegale.

Isaan boodas shananuu dabareen quunnamtii saalaa narratti raawwatan. Jidduutti sadaffaan booda of walaalee waanan kuufeef wixxifachuu dadhabe. Of to’achuu hin dandeenye ture.

Bishaan natti naqanii booda dammaqe. Isaan boodas asii baate waan tokko jetta taanaan nu harkaa hin baatu jechuun baasanii na darbatan.

Wayita yakka narratti raawwataniitti bilbila kiyya fudhatanii cufanii turan. Baasanii erga na darbatanii booda bilbila naaf deeebiisan.

Mucaan beeku sanaaf bilbilee naaf dhaqabi jedhee waammadhe. Innis fiigaa naaf dhufe. Achiin gara poolisiitti akka na geessu gaafadhe. Isaan booda wallaansaa argadhee jecha kiyyas narra fuudhan. Buufata poolisii erga bulleen booda gara dhaabbata kanaa na fidan borumtaa isaa.

Osoon hin cisiinan bulee. Mana fincaaniin deema jedhee of ajjeessuuf yaadeen ture halkan sana. Yeroo baayyee of balleessuuf yaadeera gochi sun erga narratti raawwatameen booda.

Isaan boodas guyyoota jahaaf fincaan fincaa’uu dadhabeen ture. Ergan as dhufeen booda wallaansi naaf taasifame. Amma ujjummoon naaf tolfame isaanan fincaa’aa ture. Booda na dhukkubnaan naaf baasan. Amma omaa hin jedhu ergan wallaanamee booda.

Miseensa poolisii tokkatu as na fide. Qorannoon hundi naaf taasifameera. HIV garuu baatii sadiin booda naan jedhan.

Namoota na gudeedan keessaa shan qabamaniiru. Tokko garuu baqateera. Anis mana murtiitti jecha kiyya kenneera.

Gara dhaabbata kanaa Waxabajjii 11 dhufe. Amma baatii tokko guuteera. Kunuunsa gaarii naaf taasisan. Dhiira ijaan arguun mataansaa baayyee na jibbisiisa. Qaamni kiyya wayyaa’ulleen sammuu kiyyaa baayyee miidhameera.

Yoo naaf sirratee gara maatii kiyyaatti deebii’ee barnoota kiyya itti fufuun barbaada.

Dubartoonni akka of eeganiifan gorsa. Warra dhiiraatiin ammoo haadhaafi obbooleetti waan qabaniif akka namaatti osoo yaadanii miidhaa akkasii dubartiirratti raawwachuu baataniin jedha.

Qaamooleen seeraa ammoo namoota yakka akkasii dubartootarratti raawwatan irratti addabbii barsiisu osoo murteessaniin jedha.

Waan narra gahee kana maatiin kiyya hin dhageenye. Akka hin dhiphannee waanan barbaaduuf akka dhagahan hin feene.

Firri kiyya tokko duraan maatii warra na gudeedanii waliin maallaqaan haala dubbannu jedhee na rakkisaa ture.

Jechuunis maallaqa siif haa kenniinuutii himmannaa dhaabii naan jedhanii ture dura. Anis harra maallaqaan waliigalee yoon himmachuu dhiise booru dubartoonni biraa akka kiyyaatti dirqiin gudedamu. Inni akka ta’u waanan hin barbaadneefan dideera. Kan narratti raawwatamee akka obboolaa kiyya biraa irra gahu hin fedhu.

Dhaabbanni Ittisa, Haaromsaafi Deebiisanii Dhaabbu Daa’immaniifi Shamarran Daandiirraa kunis da’imman sababii adda addaatiin miidhaaf saaxilaman gargaara. AL I bara 2000 irraa kaasee fedhiiwwan bu’uuraa dhiyeessuun alatti deeggarsa qor-qalbii kennaa jira.

Daa’imman seeraan ala dadabarfaman, fi dubartoonni miidhaa heeruma umurii maleefi miidhaa dirqiin gudeedamuu irra gahee gara dhaabbata kanaa deemu.

Kana malees, dhaabbatichi maatiinllee jireenya fooyya’aa akka jiraatanii tajaajila gosraa ni kenna. Deeggarsa seeraa mana murtiittis ni taasisa.

Ijoolleen miidhaaf saaxilaman gara dhaabbatichaa kan geeffaman poolisootaan.

Maahileetis gara dhaabbata kanaa kan geessee miseensa poolisii buufata jahaffaa magaalaa Baahir Daar. Saajiin Ol-aanaa kan ta’an Biraarraa Mollaa poolisii qorataa buufatichaati.

Yakki Maahileti irratti raawwatameef guyyaafi sa’aatii isaa waliin dhugaa ta’uu BBCtti himan.

Akkuma yakkichi gabaafameen miidhamtuun gara Hospitaala Falaga Hiyoote geeffamtee wallaansi akka taasifamuun gara buufatichaatti akka deebiifamte ni yaadatu.

Isaan boodas qorannichi itti fufuun eenyummaan shakkamtootaa waan adda baafameef ”poolisoonni hundi wal ta’uun shanan isaanii to’annaa jala oolfamaniiru. Tokko hin to’atamne,” jedhu.

Umurii isaaniif yakki raawwatame qoratamee erga qindaa’een booda raga seeraa waliin biiroo haqa Magaalatiitti ergamuun himannaan irratti banamuu dubbatu.

”Dhimmi daa’immaniifi ijoollee waan sardaa waan ta’eef, biiroo haqaa magaalichaa dabalatee deeggarsi gahaan akka taasifamee dubbatu saajiin Ol-aanaa kun.

Ammatti shakkamtoonni mana sirreessaa magaalaa Baahir Daar galaniiru kan jedhan itti gaafatamshakkamaa jahaffaa to’annoo jala oolchuuf ammo ”dhaabbilee hundi walta’iinsaafi waliin socha’uun galmee kanarratti murtee eeggataa jirra,” jedhaniiru.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *