Ministeerri Fayyaa bu’aa qormaata madaallii ga’umsaa ogeeyyii fayyaaf laatee ture ifoomse.

Ministeerichi bu’aa qormaatichaa kan ifoomse bakka dhaabbileen barnoota olaanoo garaagaraa, dhaabbilee ogummaa fi bakka buutonni ministeerichaa argamanitti ta’uu eerameera.

Qormaati madaallii ga’umsaa Muddee 21-27/2014 kennamuu Ministeera Fayyaatti Daayrektarri madaallii ga’umsa ogeeyyii fayyaa obbo Teewodiroos Abbabaawu yaadachiisaniiru.

yeroo qormaanni madaallii ga’umsaa kennamuu eegalerraa kaasee ogeeyyii kumni 71 ol qormaaticha fudhachuu fi kumni 31 fi 480 qormaaticha darbuun eeyyamni laatameefii gara hojiitti galuu ibsaniiru.

Bu’aa qormaata madaallii ga’umsaa kana ilaaluuf gma marsaritii liinkii armaan gadii fayyadamuun kan danda’amu ta’uu ibsamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *