
Hanga Ammaatti TPLF waliin mariin jalqabame akka hin jirre, haata’u malee kana jechuun mootummaan hanga dhumaatti TPLF waliin hin mari’atu jechuu akka hin taane MM Abiy Ahimad dubbatan.
Aanga’ootni TPLF akkasumas qondaalonni UN amma dura mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduutti mariin eegaluu himanii turan.
Aanga’oonni mootummaa Itoophiyaa dhaabbilee shororkeessitoota waliin mariin godhamu hin jiraatu jechuun irra deddeebiin dubbataa turanillee, MM Abiy Ahimad haala kana faallessuun ‘TPLF nagaaf kan dursa kennu yoo ta’e mari’achuuf qophii ta’uu’ dubbatan.
Kana kan jedhan yaa’ii ariifaachiisaa 3ffaa manni marii bakka bu’oota Uummataa Itoophiyaa Kibxata taa’e irratti gaaffiilee miseensotni mana marichaa kaasaniif deebii yoo kennanidha.Gaaffileen Qaala’iinsa jireenyaa, rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti mul’atu, dhimma himatamtoota himanni adda citee, marii Moootummaa fi TPLF gidduu jiruu fi Gurmaa’insa Humnoota addaa naannoleetiin walqabatan gaafatamaniiru.
Kanaan alattis Ramaddiin Ambaasaaddarootaa akkamitti akka raawwatame, hariiroo dippilomaasii biyyoota alaa, dhimma hidhamtoota biyya Saa’udii Arabiyaa, miidhaa hidhattoonni ‘ABO Shanee’ naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul keessatti geessisan kan ilaalu gaafataniiru.
Marii TPLF waliinii…
Hanga ammaatti Mariin TPLF waliin taasifame homtuu hin jiru kan jedhan MM Abiy Ahimad, kana jechuun hamma dhumaatti marii hin goonu jechuu miti jedhan.
“Nuti yeroo waraanaa ejjennoon nuti qabnu kan beekamu. Ammas kan goonu waanuma walfakkaataadha. Ammas mariidhaaf, naageenyaaf filannoon jiraatee TPLF nageenyaf dursa yoo kenne nuti mari’achuuf rakkoo hin qabnu” jedhan.
Mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise amma adeemsarra jiru kuni carraa guddaa waan ta’eef paartileen siyaasaa carraa kana osoo hin qisaasessiin akka itti fayyadamaniifis waamicha taasisan.
“Komishineroonni 11 filataman haala mijeessuu, mariidhaan carraa uumuudhaan alatti aangoon addaa qaban hin jiru.
“Marii kana keessatti garuu kan adda bahu qabu kan mari’annu aangoo qooddachuuf akka hin taane beekamuu qaba. Waggoota afran dhufan kan biyya bulchu Biltsiginnaadha” jedhan.
Mariin biyyaalessaa kun ifa, hunda kan hammatuu fi uummanni bal’aan beekee kan keessatti hirmaatu ta’uu qaba jedhan.
Marii Kanaan booda garuu uummanni biyyattii hundi guutumatti kan itti waliigalu bu’aa mariitu dhufa jedhanii yaaduun waan ulfaataa ta’uu eeran.
Komishiniin Mariin biyyaalessaa kuni amma sadaarkaa qophiirra akka jirulleen dubbatan.
‘ABO Shanee’
Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan ABO Shanee jedhee waamuun kan wal qabateen “gareen kuni galma qabsaa’uf kan hin beekne, namoota ugguree kan maallaqa saamu, dhala namaaf kabaja kan hin qabne” jedhan.
“Akkamitti namoota akkamiirraa uumame jedhamee beekuuf garee bitaa nama galudha. Uummata Oromootif kan qabsaaa’u yoo ta’e maaf qabeenya Oromoo balleessa,” jedhan.
Gareen kuni galma hin qabu, waan barreeffame hin qabu, hogganaa hin qabu garee baay’ee rakkisaa ta’edha jedhan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo hoggansa qabaachuu akkasumas galma qabsaa’aniif ifa ta’e akka qaban irra deddeebiin ibsu.
Mootummaan hidhattoota kana wajjin waraana keessa tureen wareegama guddaa kanfaleeras jedhan.
“Gareen kuni dhokatee kan haleellaa raawwatu malee kan kallattiidhaan lolati seenu miti. Kana balleessuun akkuma jedhamu salphaa miti. Amma ammoo gargaarsa, leenjisaa, fi meeshaa kan dhiheessuf qaba. Garuu gareen kunis kaanis Itoophiyaa diiguun hin danda’amu” jedhan.
Humnoota addaa naannolee kan ilaaleenis Humnoonni addaa naannolee yeroo waraana Kaabaa keessatti wareegama qaalii kan kanfalanii fi Itoophiyaaf aarsaa kanfalan ta’ullee kallattii keessaa bahee miidhaa akka hin geessisne qoratamuu qaba jedhan.
Hongee biyyattii keessatti mudate kan ilaaleenis hanga ammaatti gama Beelladaatiin miidhaan cimaan gahulleen lubbuu namaarratti hanga ammaatti miidhaan gahe hin jiru jedhan.
Dinagdee…
Dinagdee biyyaa kan ilaaleen yeroo waraanni biyya keessa jiru dinagdee biyyaa fuulduratti tarkaanfachiisuun guddoo rakkisaa taha jedhan.
“Yeroo waraanaatti deeggarsa kanneen kennan deeggarsa isaanii nidhaabu, hoggansi mootummaas xiyyeeffannaan isaa rakkoolee waraanan walqabaatn irra taha. Yeroo kanatti humni omishaas qaamaanais ta’e yaadaan gara waraanaa kana deema. Kanaaaf yeroo waraanaa dhimmi dinagdee qorumsa cimaa taha” jedhan.
Itoophiyaan ammoo waraanaan dabalatatti hongee hamaadhaaf waan saaxilamtee jirtuuf rakkoon dabalataa keessa turre jedhan.
Dinagdeen biyyattii ji’oota jahan darban kana keessatti dinagdeen biyyattii rakkoolee walxaxoo hedduudhaan xaxamee waan tureef haala salphaa keessa hin dabaarre jechuun ibsan.
Ji’oota jahan darban qofatti birriin biiliyoona 297 baasii akka ta’eefi galii fi baasiiin biyyaa walmadaaluu dhabuun akka rakkoo ture eeran.
Biyyattiin ji’oota jahan darban keessa qorumsa hedduu keessa turtulleen haalli ture garuu abdii kan nama kutachiisu osoo hin taane yoo cimnee hojjenne jijjiirama qabatamaa fiduun akka dandahamu kan itti barame jedhan.
Qaalayiinsi jireenyaa gara caalu galteewwan nyaataatiin walqabatu rakkoo jabaa akka turee fi ka’umsi isaas fedhiin dabaluu irraa akka maddee fi baayyina uummataa too’achaa deemuun murteessaadha jedhan.
Boba’a kan ilaaleen mootummaan dhiheessii boba’aa deeggaree biyya keessa galchulleen daldaltoonni garuu gara biyyoota ollaatti dabarsaa jiru jedhan.
Kanaafis humnoonni nageenyaa naannolee, milishoonni bootee boba’a fe’ee gara biyya ollaatti baasu yoo argan boba’a qofa osoo hin taane konkolaatichalleen itti dabaltanii dhaaluudhaan nugargaaraa jechuun waamicha dhiheessan.
Malaammaltummaa…
Imala irraan gadee biyya Itoophiyaa ijoo lamaan haaloo fi malaammaltummaadha jedhan Ministirri Muummee.
“Itoophiyaan maal qabdiif hatu. GDP gadi aanaa kanarraa akkamitti hatama. Itoophiyaa keessa kanneen hanna jibban muraasni jiru. Kana gara biyyaatti bal’isuu qabna. Saniin ala guddannus guddachuu baannus hiika hin qabu. Uraa yaasu qabna waan ta’eef” jedhan.
Biyya malaammaltummaa fi Hanni jiru keessatti waliin guddachuun hafee waliin jiraachuufuu rakkoo taha jedhan.
Miidiyaaaleen hojii gaazexeesummaa qorannootiin waajjiroota mootummaa hunda keessatti sakkattaa hojjechuu akka jalqabaniif adeemsarra jiraachuus eeran.
Himatamtoota Hiikuu…
“Kana dura miseensonni mana marii kanaa maaliif namoonni hidhaman hin hiikaman jedhamee gaafaatamaa ture.
“Amma maaliif hiiktan jedhamuurra geenye kuni jijjiirama gudaadha. Labsii yeroo muddama labsuutu rakkoo ture. amma ammoo kaasuutu rakkoo ta’e. kuni jijjiirama ajaa’ibaati” jedhan.
Himata adda kutuun hidhaarraa gadhiifamuu namoota siyaasaa kan ilaaleen nuti namoota sin ajjeesna, sin balleesina jedhaniif dhiifama gochuun cimina hamilee nuti qabnu ibsa jedhan.
“Nuti hidhamtoota kan hiikne waan sadiif. Tokko nagaa fulla’aa uumuu. Lammaffaan haala hidhamtootaa hubannoo keessa galchuuf. Sadaffaan injifannoo keenya itichuufi” jedhan.
Namoonni siyaasaa sababa hiriyaa taaneef, yookan faayidaa irraa argannee akka hiikaman hin goone, Hidhamtoonni kan hiikaman faayidaa Itoophiyaatiif jecha jedhan.
Lammiilee mana hidhaa Sa’uudii…
Mootummaan saawudii Biyya isaa keessatti rifoormii gaggeessaa waan jiruuf hojiilee biyyattii keessa jiran lammiilee isaa hirmaachisuu waan barbaaduf too’annoo kan cimse jedhan.
“Lammiilee kana kan ilaaleen hundi passport hin qaban, hundi biyya kanaa deeme jechuun rakkisaadha. Kaan namoota nama ajjeesuudhaan leenji’an fa’atu keessa jira jedhama.
Kana adda baasuun rakkoodha. Amma gareen waan kanarratti hojjetu hundaa’ee jira. Kana qulqulleessinee adeemsaan kan sirreessinu taha” jedhan