
Fedhii walqunnamtii saalaa horachuuf qoricha namtolchee bitatanii fayyadamuu irraa haaluma nyaataa, hawaasummaa, cinqii, yaaddoo fi dhiibbaa garaa garaa irraa of eegun filatamaadha. Qorichoonni nuti fayyadamnu yeroodhaf rakkoo haa furan malee hundee irraa dhabamsiisuu hin danda’an. Dabalees alkallattidhan qaama keenya irraan dhiibbaa garaa garaa geessisuu danda’u.
Nyaanni nuti guyyaa guyyaan nyaannu fedhii walqunnamtii saalaa keenya irratti dhiibbaa mataa isaanii qabu. Nyaanni akka hanqaaquu, muuzii, kaarotii, ocholoonii, missira fi kan kana fakkaatan fedhii walqunnamtii saalaa dabaluu keessatti ga’ee qabu.
Ocholoonii/Loozii
Kuduraa fedhii foonii namatti kaasan keessaa ocholoonin kan sirritti beekamuudha. Ocholoonin elementii ziinkii of keessaa qaba. Ziinkin immoo dalaga qaamaa guyyaa guyyaa keessatti ga’ee qaba. Hormoonii dhiiraa too’achuu danda’a. Ka’uu dadhabuu nafsaala dhiiraa ittisuu danda’a.
Hanqaaquu
Nyaata fedhii foonii dabalan keessaa buuphan isa tokkoodha. Buupha vitaamin ‘D’ dhan kan badhaadhedha. Vitaamin ‘D’ n hoormoonii Testosterone dabaluu keessatti ga’ee qaba. Kanaaf nyaata kana guyyaa guyaan soorachuun fedhii walqunnamtii saalaa dabaluu keessatti ga’ee guddaa qaba.
Muuzii
Muuzin vitaaminii ‘bromelain’ jedhamuu kan of keessaa qabuudha. Vitaaminiin kun immoo miirri walqunnamtii saalaa dhiiratti akka dhaga’amu godha. Dabalaatnis muuzii baay’isanii nyaachun dhangalaa’an nafsaala dhiiraa keessaa yaa’u akka baay’atu fi mi’aawu godha.
Chokoleetii
Chokooleetii nyaachun ‘L-Arginine Hcl’ kan jedhamu hormoonota maddisiisuf ga’ee qaba. Hormoononni kunis yaa’insa dhiigaa gara nafsaalaatti taasifamu gargaarun ka’uu dadhabuu nafsaalaa dhiiraa fooyyeessuu danda’u.
Ajjaa
Ajjaan of keessaa keemikaala serotin jedhamu qaba. Kuni cinqii, dhiibbaa fi rakkoo xiinsammuu hir’isuu keessatti ga’e qaba. Pirotiniinis waan badhaadhef hormoonii testosterone dabaluu danda’a.
Kaarootii
Kaarotiinis vitaaminootan kan badhaadhedha. Vitaaminoonni kaarotii keessaa kunis jabeenya nafsaalaa keessatti ga’ee isaanii taphatu. Dabalees yaa’insa dhiigaa naannoo saniis ni ariifachiisu.
Avokaadoo
Avokaadon vitaaminoota akka ‘B’, ‘C’ fi ‘K’ kan of keessaa qabuudha. Vitamiiniin ‘K’ kun dhiigni iddoo isaa sirritti yeroo yeroon akka tamsa’u godha. Avokaadon pirotinas waan of keessaa qabuuf dandeettii fedhii kakaasuu gonfatee jira.
Wanti hubatamuu qabu garuu nyaata kana hunda yeruma tokko bakka tokkotti walitti finnee yoo nyaanne gaafasuma fedhii horanna akkasumas sa’aatin raawwii keenyaa nuuf dheerata jechuu miti. Nyaatawwan kunniin fayyaa keenyaf murteessaa waan ta’aniif fedhii walqunnamtii saalaa akka horannu taasisuu danda’u jechuuf malee fedhii du’ee jiru har’uma kana hirriibaa dammaqsu jechuu miti.