
Arkiyooloojistoonni hambaa namoota lamaa ganna 2,000n dura volkaanoon wayita dhoowee magaalaa Pompeii jedhamtu barbadeesseetti du’anii argatan.
Namtichi inni tokko tarii soorecha sadarkaa olaanaa qabu ennaa tahu, inni kaan ammoo garba isaa tahuu hin oolu jedhan, qondaaltonni paarkii arkiyooloojii Pompeii.
”Jarri kun tarii gaafa volkaanoon sun dhoowutti, jalaa baqatanii dahachuuf wayita yaalanitti, dhooyinisichi fuudhatee deemuu male,” jedhan daarektarri paarkichaa Massimo Osanna.
Magaalaa Roomaa durii kan taate Pompeii’tti, bara 79 AD (Dhaloota Kiristoosiin booda) Gaara Vesuvius irraa volkaanoon guddaan dhoohe.
Dhooyinsi kun magaalaa Pompeii daaraa jalatti awwaaluun, magaalattii fi jiraattotashii achumatti hambise. Arkiyooloojistootaafis madda qorannoo olaanaa tahe.
Argannoon ammaa kun kan mul’ate ji’a kana oggaa tahu, mana guddaa magaalaa durii kanaan alatti wayita qotanitti bira gahan.
Qondaaltonni akka jedhanitti, umuriin sooreessichi 30 hanga 40 taha. Uffatni ho’aa suufiirraa hojjetame naannoo mormasaatti argameera.
Namtichi inni biraa ammoo umuriinsaa ganna 18 hanga 23 ta’a. Qondaaltonni naannoo arkiyooloojii akka jedhanitti, dugugguruun isaa daran miidhamuun isaa, namni kun hojii humnaa akka hojjetu mul’isa jedhan.
Reeffa namoota daaraa jalatti awwaalaman kanarraa kahunis bocni qaamasaanii hojjetameera.
”Jarri kun kan du’an ho’a garmaleetiin miidhamaniiti. Harki fi miilli isaanii aboottatee ture,” jechuun Osannan ripportarootatti himan.
Argannoon kunis ”dhuga bahumsa ajaa’ibaa” yeroo dhooyinsaa waanta ganama guyyaa sanii tahee agarsiisa jedhan.
Iddoo hambaa magaalaa Neeppilisitti dhiyeenyatti argamu kanatti, ammallee qotuun kan itti fufe yogguu tahu, weerara koroonaavaayirasiif jecha turiistootaaf banaa miti.