
Barataa qaxalee Alaazaar Takkaa Gammachuu Herregaafi Fiiziksii 100 keessaa 100 cufe.
Finfinneetti barataa KMU (Kotebe Metropolitan University, Menilik I Science Shared Campus) kan ta’e Alaazaar Takkaa Gammachuu qormaata kutaa 12ffaa bara 2013 barana kennameen 700 keessa qabxii 659 Qabxii olaanaa biyyatti galmeesseera.
Injiinariingii kompiyitaraa qo’achuuf akeeka kan qabu Alaazaar, qabxiinsaa waliigalaa 600 keessaa 563 galmeessiseera; guutummaasaa cufuuf qabxii 37 qofa hanquu jechuudha.
Barnoonni Civics waan haqameef 600 keessaa qabame.