
Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Koloneel Gammachuu Ayyaanaa mana hidhaatii gadhiifamanii maatiitti dabalaman.
Guyyaa kaleessaa Manni Murtii Ijibbaataa Federaalaa qondaalli kuni akka hidhaatii bahan murteessuu hordofeeti Roobii har’aa bahuun isaanii kan dhagahame.
Guyyaa har’aa gadhiifamanii maatii isaanii waliin wal arguu qondaalli ABO Lammii Gammachuu BBCtti himaniiru.
Gadhiifamuun isaanii kan dhagahame Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa torban darbe mootummaan hogganoota ABO ‘seeraan ala’ hidhuu ibsee ‘atattamaan akka gadhiifaman’ erga gaafateeti.
Kolonel Gammachuu Ayyaanaa Caamsaa waggaa darbe manni murtiin bilisaan akka gadhiifaman erga murtaa’ee waggaa tokkoof mana hidhaatti dabarsaniiru.
Eega hidhaa seenan immoo waggaa lamaaf deemaa.
Ammallee hogganooti ABO kaan akka Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Lammii Beenyaa, Daawwit Abdataa fi kaan mana hidhaa jiru.
Hedduun isaanii manni murti bilisa nu baasus poolisiin ajaja mana murti fudhachuun nu gadhiisaa hin jiru jechuun mana hidhaatti lagannaa nyaataa irra turuun isaanii ni yaadatama.
Komishinichi kanneen hidhaa jiran keessaa kan bilisa jedhaman, kan himanni itti hin banamneefi galmeen isaanii cufame jiru.
Kaanimmoo kan hiikamanii osoo hin turin qabaman jiru.
Miseensi Gumii Shanee ABO Obbo Abdii Raggaasaas erga mana murtiin bilisa jedhamanii bahanii guyyuma sanarra deebifamanii qabamuun mana hidhaatti deebifamanii ture.
Dhiyeenya kana mana hidhaatti dhibee tiruun qabamuun dhukkubsataa kan ture dubbii himaan duraanii ABO Battee Urgeessaas mana hidhaatii gadhiifameera.
Hayyu-dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa erga waggaa tokkoo oliif mana isaanii keessaa akka hin baane taasifaman booda, Bitootessa keessa akka bahanii socho’an hayyamamuufi dhaabichi mirkaneesseera.
Hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu waliin hidhata qabdu jechuun aangawoonni hoogganoota dhaaba kanaa himatu.
Koloneel Gammachuun MM Abiy Ahimad aangootti erga bahaniifi isaan Ertiraa irraa biyyatti erga debi’anii hidhaa yoo seenan kuni kan duraa miti.
A.L.I’tti Amajji 9 bara 2011 qabamanii shoroorkeessummaafi saamicha baankilee Lixa Oromiyaatti raawwatame qindeessuun shakkamanii mana murtiitti deddeebi’aa turan.
Baatii 11 booda garuu hidhaatii bahan.
Eegasii Adoolessa 2020 keessa ajjeechaa Hacaaluu hordofee qondaalota siyaasaa kaan waliin hidhaa bu’an.
Yeroos isaan dabalatee namootni 20 galmee Kiisii Qixxumaa jala jiran himata shororkeessummaatin shakkuu poolisiin hime.
Ergasii manni murtii dhimma isaanii ilaalee bilisa baasus poolisiin osoo hin gadhiisiin mana hidhaa tursiisuu abukaatoon isaanii irra dedeebiin himaa turan.
Torban darbe Caamsaa 24, 2022 mana murtii Ijibbaata Federaalaatti kan dhihaayani ture qondaalli kuni dhaddachicha irratti Abbaan Alangaa Federaalaa himata akka irraa hin qabne mana murtiif himee ture.
Poolisiin federaalaa ammoo imaanaa naannoon Oromiyaa natti kennatedha malee ani to’annoo jala hin oolchine jechuu abukaatoon isaanii Obbo Tuuliin BBC’tti himanii ture.