
Firii qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaan walqabatee gaafin heddu nugaheera.
Dhimicha irratti kan dubbifne Ejensi qormaata biyyoolessatti tajaajila itti aana Daayirektara olaana Tafarra Fayyisaa ” Barataan kamiyyu qormaata biyyoolessa darbuuf yoo diqqaate qabxii dhibbarra 50 (50%) fiduu akka qabu ibsaniiru.
Dhabbilee barnoota sadarkaa olaanaatti baratuuf qormaatichan qabxii g/galeessa dhibbarra 50 fi isaa ol ta’uu qaba jedhaniiru.
“Kuni murtee haarawa miti. Waggotaaf itti hojjatama kan turee dha. Barataan kamiiyyu darbuuf walakkaa ol fiduu qaba.
Komii barattoota irraa dhufaa jiru fudhataa akka jiran kan ibsan I/A Daayirektara , giddu galeessan qabxii walakkaa 300 gad kan fidan baay’inni isaani akka hin beekkamne tivah Universitif himaniiru.
Hamma qabanna yuniversitii hubannoo keessa galchuun qabxiin seensa yuniversitii fulduraatti akka murtaa’u himaniiru.