
Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti namoonni hedduun keenya rakkoowwan Irraanfachuu salphaa tahe nu quunnama. Garuu namoonni tokko tokko rakkoo Irraanfachuu ykn waa dagachuu cimaaf yeroo saaxilaman nii argina
wantootni Irraanfachuu ykn waa dagachuu nutti fidan keessaa muraasni;
Umurii- akkuma umuriin gara dullumaatti dhiyaachaa deemun seelonni sammuu keenyaa hedduun isaanii duha waan deemaniif hammi isaanii hir’achuun rakkoo Irraanfachuuf nu saaxilan.
Alkoolii alkoolii baayinaan dhuguunis seelonni sammuu keenya akka hammaan xiqqaatan godha.
dhipina ykn stress- keessumatti ijoollee mana barumsaa sadarkaa olaanaa jira tensionin dubbisu yoo tahe isuma kanan dura dubbisanillee nii dagatu.
Dhibee sukkaaraa
Hirriba dhabuu- namni tokko yoo xiqqaate guyyaatti sahaa 6-8 Hirriba gahaa rafuu qaba.
hanqina hormoonii taayiroodii jedhamu kan qaama keenya keessatti argamu. Kunis Yeroo baayyee namoota ucubaa mormaa qaban irrati nii muldhata
qorichootni nuti fayyadamnu tokko tokkos rakkoo kanaaf nu saaxilu.
Furmaata
nyaatawwan madaalamaa kanneen baayinaan vitaminaaf carbohydreetii qaban soorachuu
bishaan baayinaan dhuguu
Hirriba gahaa rafuu
nyaata coomaaf zayita baayinaan qaban hir’isuu
alkoolii baayinaan dhuguu dhiisuu
dhugaatiwwan mi’aawaaa saamsamoo tahan baayinaan fayyadamuu dhiisuu
tamboo aarsuu dhiisuu
nyaatawwan pirootina qaban foon caalaatti kanneen akka misiraa, baaqelaa, nuugii,boloqqee, akuratarii faa fayyadamaa