RAKKOOWWAN FAYYAA CICCIMOO JIMAAN WAL-QABATEE NAMATTI DHUFU


1).Rakkoo Sammuu
Battala qama’anitti jimaan rakkoo yeroo gabaabaa kan hawaasa birati fudhatama hin qabaanne kan akka haasa’a baay’isuu/over- talkativeness/ ,jarjaruu, namati dheekkamuu fi dallanuu geesisuu danda’a…kanaan alalatis hirriba dhabuu fi yoo jimaa dhaban muka’uu/depression/…fida. Mataa dhukkubii fi yeroo dheeraa booda ammoo hanga sadarkaa maraatuuti nama geessisu danda’a. keessumattu namoota dursanii rakkoo sammuu qaban itti hammeessa.
2).Dhibbaa Dhiigaa fi Dhukkuba onneef nama saaxila
Jimaan dhiibbaa dhiigaa ol kaasa, dhahannaa onnee dabala, dhikkisa onnee ni jeeqa
Dhukkuba Onnee Tasaa-‘Myocardial Infarction,MI’-jedhamuuf nama saaxila. Qorannoo biyya yeeman hospitaala Al-Tawra jedhamutti bara 2015 A.L.A taasifameen namoota dhukkuba onnee tasaatiin hospitaalaa kana seenaan 120 keessaa namootni 95 (79%) Jimaa warra qama’an akka ta’an ragaan mulli’isa
3).Rakkoo Qaamota Sirna bulla’insa nyaata irraan gahu
Tortoruu ilkaanii fi keessoon afaanii deddebi’ee mada’uu
Liqimsituun,garaachi fi mar’imaan madessuun …Dhukkuba garaachaaf nama saaxila.
Gogiinsa garaa fida–kun sababa keemikaala ‘tannin’ fi ‘Cathine’ jedhamu Jimaa keessati argamuun dhufa.
4).Fedhii nyaata nama dhabsiisa akkasumas qaaman huqqachuusi fida
Keemikaalli ‘cathinone’ Jimaa keessatti argamu wiirtuu sammuu fedhii nyaata too’atu hojii isaa jequun fedhii nyaata nu dhabsiisa. Miirri quufaa akka nutti dhaga’amu taasisa.
Jimaa heddu erga qama’an booda dhiiga keessatti hormooniin ‘Leptin’ jedhamu ni dabala.
Hormooniin kun ammoo fedhii nyaata hir’isuu fi ulfaatinna qaamaas hir’isa.
5).Jimaa fi Dhukkuba sukkaaraa Gosa lammeessoo(type -2 Diabetes)
JImaan hormooniin ‘catecholimine’ dhiiga keessatti argamu dabala ;kun ammoo hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu ol kaasa.
Hormoonii hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu too’atu ‘insulin’ hir’isa. Kanaaf dhukkubsatoonni sukkaaraa Jimaa qama’u taanaan dhukkubicha itti hammeessuu danda’a. Jimaan Dhukkuba sukkaaraa kallattiidhaan ni fida kan jedhu irratti garuu ragaa gahaan hin jiru.
6).Tiruu fi kalee ni miidhaa
Keemikaalonni Jimaa keessatti argaman tiruu miidhun madeessuun(hepatitis) hanga sadarkaa cimaa ‘cirrhosis’ jedhamu irraan gaha. Kalees haaluma wal fakkatuun miidhaa irraan geessisa.
7).Jimaan Sirna wal-hormaataa ni miidha
Gahuumsa wal qunnamti saalaa hir’isa/impotence/
Oomisha Sanyii dhiiraa/sperm/ miidhuun rakkoo dhala dhabuu fiduu danda’a.
Fedhii walqunnamtii saalaa keessumatuu dubartoota irratti ni dabala. Kun ammoo dargaggoota sagagalummaadhaf saaxila.
8).Kaansariidhaaf nama saaxila
Keemikaalonni Jimaan keessatti argaman hedduun miidha sadarkaa seeliiti geessisaniin kan ka’e keemikaalli ‘Reactive oxygen species,ROS ‘ jedhamu dhiiga keessatti akka baay’atu taasisu. Kun ammoo kaansariidhaaf nama saaxila. Kaansariin Afanii,buqqee mataa fi mormaa ; namoota Jimaa qama’an irratti akka baay’atu qorannoon mull’isa.
9).Dubartiin ulfaa
Kan jimaa qamaatu yoo ta’e daa’ima hammi ulfaatinna isaa baay’ee xiqqoo dahuu dandeessi. Daa’imman akkasii lubbuudhaan turuuf waan rakkataniif du’uus dandeessi.
10.Namootni jimaa qama’an araada kanneen birootifis ni saaxilamu- Tamboo ykn shiishaa xuuxuu fi Alkoolii dhuguu fa’aaf.

Maraafu yoo qaamtan garaa beelattii qaamu irraa of-tiksaa.
Yeroo dheeraaf qaamu irraa of-ittsaa.
Bishaan baayyisaa dhugaa.
Alkooli, coca cola, sukkara, loozi, waliin fayyadamuu dhiisa..
Akkuma nyaattaniin hin qaaminaa..

Yoo akka itti ofirraa dhiistan barbaaddan.
sochii qaama taasisaa,
Yeroo qaamu barbaaddan iddoo isaa mastika, buna, fi akaawwilee gara garaa sooradha.
Yeroo sammuun yaadachuu barbaadde xiqqo rafaa.
“Namni waan isa booji’e ykn isa moo’eef yeroo hundumaa garbicha ta’ee jiraata” –
Araada adda addaaf garbicha hin ta’inaa!!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *