Saba Masrii durii fi Oromoo wantootni wal fakkeessan maali?

Sabni Oromoo saba bal’aa damee Kush jalatti hammatamudha. Qorannoowwan adda addaa akka ibsanitti horteen Kush Afrikaa bahaa irraa kaasee hanga Indiyaatti saba babal’atee turedha.

Qorannoowwan tokko tokko saba Masirii durii fi saba Oromoo gidduu wal fakkeenyi aadaa, uffannaafi afaanii tokko tokko akka jiru ni eeru.

Yunivarsiitii Howard’tti Piroofeesara Falaasamaa kan ta’an Chaarles C. Verharen, qorannoo isaanii irratti gabaasa maxxansaniin, wal fakkeenyi Masirii durii fi Oromoo gidduutti mul’atu, yeroo tokkottii aadaan lamaan kun walitti dhufanii turan kan jedhu mul’isuu mala jechuun eeraniiru.

Barreessaa fi qorataa seenaa kan ta’an Obbo Fireew Baqqalaa, kitaaba dhiyeenyaa mata duree Ancient Egypt and Oromo (Masirii durii fi Oromoo) jedhu maxxansaniiru.

Walfakkeenyi kunneenis kan mul’atan keessumaa mootummaa (dynasty) 12ffaa, 18ffaa, fi 25ffaa Masirii durii fi Oromoo gidduutti akka ta’e eeraniiru.

Afaan

Afaan Masirii durii, kanneen waggootii 4000 ykn 5000 dura turan, Afaan Masirii ammaa kan heddumminaan dhibbaa Afaan Arabaa qabu waliin akka wal hin fakkaanne Obbo Fireew ni himu.

Qorattoonni hedduu Afaan Masirii durii Itoophiyaa keessatti haasa’amu hin arganne ta’us, Afaan Masirii durii keessatti Afaan Oromoo argataniiru.

“Fakkeenyaafis jechi Tuuta jedhu Afaan Masirii durii fi Afaan Oromoo biratti hiika wal fakkaataa gartuu jedhu qaba,” jedhu

Qorannoon biraa qorataa seenaa Masiriin gaggeeffame bara 1989 keessatti maxxanfames, jechootni akka Jaarsoo, Alagaa, fi kaanis barreeffama Masirii durii ‘Hiroogilifiiksiin’ barreeffamee argamuu fi Afaan Oromoo waliin hidhata qabu akka ibsu eera.

Qola kitaabaa Ancient Egypt and Oromo

Uffannaa fi Aadaa

Masirii durii keessatti gosi uffanaa ture hedduun amma kan mul’atu hambaa bifa fakkiin kaa’aman irratti isa argamudha. Kunneen irratti ammoo walfakkeenyii akka jiru eeru.

Akka fakkeenyattis uffannaa aadaa dubartoota Oromoo Baalee fi Masirii gidduu jiru kaasaniiru.

Dabalataanis akkaataa itti sabni Masirii durii rifeensa itti tolchataniifi kan Oromoo Karrayyuu akka fakkeenyaatti akka ilaalamus Obbo Fireew eeraniiru.

Booraatiin saba Oromoo biratti hojiirra oolus, walfakkeenyi inni boraatii Masirii durii keessatti mul’atu waliin wal fakkeenya cimaa akka qabu Obbo Fireew Kaasaniiru.

Wanti biraan Obbo Fireew fi qorattoonni biroo akka fakkeenyatti eeranBokkuudha. Sabni Masirii durii ulee aangoo ibsuuf isaan fayyadu akkuma Bokkuu ni qabatu ture jedhu qorattoonni.

Kallachi aadaa Oromoo keessatti jiru fi faayi addarratti akkuma kanaatti kaawwatamu kan Masirii durii kan qorattoonni Yurawus jechuun waamanis wal fakkeenya kan agarsiisu ta’uu akka malu qorattonni ni eeru.

Amantaa

Dhimma amantaa irratti maaltu Oromoo fi Masirii durii wal fakkeessa kan jedhu irratti Obbo Fireew dabalatee qorattoonni adda addaa falaasama Waaqa Tokkichaa jedhu akka fakkeenyaatti ni kaasu.

Falaasama amantaa Waaqeffannaa Oromoo fi Masirii gidduutti wal fakkeenyi jiran biroo akkaataa itti uumamaa irratti ta’uu Chaarles Verhareen qorannoo isaanii irratti eeraniiru.

Fakkeenyaaf falaasamni ayyaana Oromoo fi kepera Maasirii durii gidduu jiru wal fakkeenya tokko akka ta’e Piroof Chaarles ni eeru.

Obbo Fireew ammoo gama isaaniin amantaa Waaqeffataa Oromoo keessatti uumaan Waaqa Gurraacha jedhamee waamamuun isaa fi amantaa Masirii durii keessatti ammoo siidaaleen Waaqa isaaniif dhaabamu halluu gurraachaa dibamuun isaa wal fakkeenya biraa ibsuu akka danda’u himu.

Obbo Fireew akka jedhanitti yeroo hedduu seenaa fi aadaan Oromoo qorataman harka caalaan kan jaarraa 16ffaa as jiranidha. Kun ammoo foyya’uu akka qabuu fi Oromoon seenaa bal’aa jaarraa 16fffaa dura ture akka qabu himu.

Qorattoonni akka Piroof Chaarlesis yaada kanaan walii galu.

Aadaan Oromoo, aadaa Masirii waliin qofa osoo hin taane, kan Sumeeriyaa, Mesoppotaamiyaa fi Baabilooniyaa waliinis wal fakkeenya akka qabu qorattoonni tokko tokko ni eeru. Ta’us garuu qorannoon gadi fageenyaan mata duree kana irratti gaggeeffame hin jiru.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *