Sa’udi Arabiyaan guyyaa tokkotti dhiirota 81 du’aan adabde

Sa’ud Arabiyaan Sambata kaleessaa dhiirota 81 du’aan adabuu beeksifte – lakkoofsi kun adabbii du’a bara darbe keessa raawwatame ni caala.

Gareen namoota du’aan adabamanii kun lammilee Yaman torba dabalatee, lammiin Siiriyaa tokkoos keessatti argama.

Hundi isaanii shororkeessummaa dabalatee ‘’yakkoota sukkaneessaa hedduu’’ raawwataniiru jedhamuun balleessaan itti muramee ture jedhe miidiyaan biyyattii SPA jedhamu.

Isaan keessaa namoonni muraasni miseensota Islaamik Isteet(IS), al-Qaayidaa ykn immoo finciltoota Huuti Yaman ta’an jedhamuun himataman.

Qaamoleen mirga namoomaaf falman akka jedhanitti, Sa’udii Arabiyaatti hidhamtoonni hedduun himannaan isaanii karaa haqa ta’een hin ilaalamu, himannaa kana mootummaan biyyattii ni waakkata.

Akka miidiyaa Sa’udii SPA jedhamu jedhutti, gareen namootaa kunneen dhimmisaanii abbootii murtii 13 ilaalamuun adeemsa mana murtii sadarkaa sadii qabu keessa darbaniiru.

Namoonni kunneen dinagdee biyyattiif waantota bu’uura ta’an haleeluurratti qiyyaafachuu, yakka ajjeechaa raawwachuu ykn miseensota qaamolee nageenyaa ajjeesuu, butuu, dararuu, gudeeddii fi meeshaalee waraanaa Sa’udi Arabiyaa seensisuu fa’aatiin himataman.

Sa’udi Arabiyaan addunyaarratti biyyoota namoota hedduu du’aan adaban keessatti kan argamtu yoo taatu, Amineesti Intarnaashinaal tarree biyyoota akka Chaayinaa, Iraan, fi Iraaqitti aansee sadarkaa shanaffaarra ishee kaa’e.

Biyyattiin bara darbe namoota 69 du’aan adabde.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *