
Rakkoo Shamarran bareedduu sodaachuu (venustrophobia)
Shamara bareedduu humnaa ol sodaachuun afaan fayyaatin #Venustraphobia jedhamuudhaan beekama. Dhiironni rakkoo akkana qaban shamara bareedduu kophaatti haasofsiisuu fi waa’ee ishee yaaduniyyuu sodaa to’achuu hin dandeenye keessa isaan galcha.
Namoota rakkinichi hedduu itti cime irratti immoo shamara bareedduu wajjin haasa’uun mallattolee akka hollachuu, dafquu, hafuurri addaan ciccituu, onneen saffisaan dhahachuufi of to’achuu dadhabuunfaas irratti mul’achuu danda’a.
Rakkoo kana hir’isuudhaf maal gochuu qabdu?
- Ofitti amanamummaa cimsuu
- Ilaalcha gadi bu’aa ofiif qabdan sirreeffachuu
- Carraa shamarran akkasii waliin itti wal argitaniifi wajjiin itti haasoftan baay’isuu.
- Ka’umsi sodaa keeti tarii sababa shamarri bareedduun takkaa kana dura si miitee jirtuuf shamarran bareedduu kaanis ijuma sanaan akka ilaaltuufi akka sodaattu kan si godheeru yoo ta’e, namoonni hundi amala wal fakkaataafi ilaalcha tokko akka hin qabne of amansiisuu.
Kana bira darbee hedduu kan rakkisuu fi jireenya guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta’e ogeessa yaala xiinsammuu qunnamuudhaan yaala barbaachisu argachuun barbaachisaadha.