
Siidaan Kumaalaa Jaatanii Alii, Godina Boorana magaalaa Yaaballoo keessatti argama.
Kumaalaa Jaataniin geggeessaa Booranaa duraanii jireenyasaanii guutuu humnaafi beekumsa qabaniin ummata tajaajilaa turaniidha.
Kumaalaa Jaataniin Istaadiyoomii, manneen barnootaa, buufata fayyaa, baankiifi galma walga’ii ummataaf ijaaruun akkasumas saamicha daangaa gama Oromiyaa Kibbaatiin nyaapharraa waan dhorkaniif siidaan yaadannoo kun Bulchiinsa Magaalaa Yaaballootiin bara 2011 ijaaramee Abbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsootiin eebbifameera.
Kumaalaa Jaataniin ALA bara 1941 Godina Booranaa, Aanaa Dirree, bakka Melbaanaa jedhamutti kan dhalatan yoo ta’u, Adoolessa 2 bara 1992 Keeniyaatti rasaasaan rukutamanii akka du’an ragaaleen gara garaa ni mul’isu.
Kumaalaa Jaataniin hawaasa Booranaafi ummata Oromoo biratti nama jaalatamaafi kabajamaa kan turan yoo ta’u, seenaansaanii yoomillee hindagatamu. (Bariisa)