SIM CARD keessan yoo isin jalaa bade ykn hatame yakki ittiin hojjetamuu waan danda’uuf pincode cufuu akka qabnu teeleen beeksise.

Tarii akka carraa SIM CARD keessan isin jalaa badee yookiin hatamee beekaa? Erga badee yookiin hatame hoo maal gootan? Cal jettaniituma dhiistanii? Akka dhiyeenya kana Itiyoo teeleekom beeksisetti akka carraa yoo SIMCARD keessan isin jalaa bade yookiin hatame yakki cimaan ittiin hojjetamuu waan danda’uuf pincode cufuu qabdu jedhee beeksiseera.

Dabalataan yoo akka carraa nujalaa badeef ykn hatameef namni biraa akka ittiin yakka raawwate yakkamaa nu hin taasisneef SIMCARD amma harkaa qabnu pincode cufuu qabna.

kanaaf SIMCARD keessan yoo isin jalaa bade akkaata suuraa armaan gadiirratti kaa’ame kanaan SIMCARD keessan pincode cufuu qabdu.

kunis

  1. Setting mobaayila keenyaa fayyadamne osoo hin badin ykn hin hatamin pincode cufuu ni dandeenya.
  2. Yoo hatameera ykn badeera ta’eef immoo ammuma filannoowwan armaan gadii kanneen fayyadamuun pincode cufsiisuu qabna.
  • Gara *994# bilbiluun lakkoofsa 2 cuqaasna.
  • Ergaa gabaabaa gara 994 jennee gara 994 tti erguun lakkofsa 1 filanna
  • Gara 994tti bilbiluun lakkoofsa 2 filanna.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *