
Mana Amantaa Tawaayidoo Ortoodkisiitti Paatriyaark 4ffaa kan ta’an Abunee Marqooreewoos sirni awwaalchaa isaanii Gurrandhala 27, 2014 Mana Amantaa Qiddistii Sillaasee Kaateediraalitti akka raawwatamuu Qulqulluu Siinoodoos har’a walga’ii arifachiisaa gaggeesseen murteessuu, itti gaafatamaan hariiroo uummataa mana amantichaa Iskindiir Gabraa Kiristoos Faanaa Broodkaasting Koorporeettitti himaniiru.
Kana dura sirni awwaalchaa isaanii Dilbataa dhufuu akka gaggeeffamuuf murtaa’uus, maatiin isaanii biyya alaa jiranii fi hoggantoonni amantaa biyyoota garagaraa sirna awwaalchaa isaaniirratti akka argamaniif yaadachiisuun Gurrandhala 27 akka gaggeeffamuuf murtaa’uu beekameera.
Dhibeerra bubbuleen wallansaarra kan turan Abunee Marqooreewoos kaleessa galgalaa boqachuun isaanii ni yaadatama.