
Ogeessi kaameraa lammii Israa’el suuraa bineensotaafi simbirrootaa kaasuun beekamu suuraa ajaa’ibaa jedhame kaaseen jajamaa jira. Suuraan kuni kan girrisaa yookiin hoomaa simbiraati. Garuu fal’aana sukkaara ofirraa qabu fakkaata. Albeert Kesheet suuraa kaase kana miidiyaa hawaasummaa gubbaa erga gadhiisee booda namoonni hedduu ergaa isa jajan itti erganiiru. Yeroo kanatti ture qalbii lammiin Israa’el fal‘aanaan maajikii dalaguu Uri Geleer kan hawwate. ‘’Kuni taate ajaa’iba lammata hin deebine,‘‘ jechuun jaje. Albeert suuraa girrisaa kana kan kaase odola Jordaan keessa osoo suuraa bineensotaa kaasuuf sochoo’u ture. ‘’Suuraawwan bareedaa simbirrootaa kaasuuf sa’aatii shaniimoo jahaa ta’uf achiin ture,’’ jechuun dubbate.Waggoota 10 suuraa kaasaa ture keessaa suuraan girrisaa kaase kuni isa ajaa’ibaa akka ta’e hime.