Taatee guyyaa guyyaan goonu kan baayina sanyii dhiiraa (ispeermii) hir’isan maalfaadha?

Taatee guyyaa guyyaan goonu kan baayina sanyii dhiiraa(ispeermii) hir’isan maalfaadha? Sanyii dhiiraa ykn ispeermii gahaa tahe (>15 million/ml) fi fayyaalessa tahe qabaachuun sanyii ofii Itti fufsiisuuf murteessaadha!

Wantoonni guyyaa guyyaan goonuufi haalli jireenya keenyaa baayinaa ispeermii hir’isan kan armaan gadiiti

  1. Wantoota ho’ina naannoo cidhaanii dabalan kanneen akka yeroo dheeraaf bakka tokko taahaa turuu , paantii baayyee nama qabu uffachuu
  2. Ulfaatina qaamaa garmalee
  3. Yaaddoo ykn dhiphina hamaa
  4. Tamboo aarsuu
  5. Alkoolii baayinaan dhuguu

Kunniin taatee guyyaa guyyaan goonu kan nuti fooyyessuu dandeenyudha. Kanneen biroo kan baayina ispeermii dhiiraa gadi buusanis jiru.Kanaaf of -eeggannoo gochuun gaariidha!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *