Teekinoloojiin Jimmatti kalaqame Afrikaarraa badhaasa idila addunyaa mo’ate

Meeshaan ‘Oomishtuu Jooy’ bara 2013 barattootaa fi barsiisota yuunvarsiitii Jimmaan hojjetame dhiheenya kana ammoo dorgommii kaampaanota jalqqabbii irra jiran Afrikaa 23 waliin dorgoman keessaa tokkoffaa bahuun badhaasa doolaara 25,000 mo’ate.

Oomishtuu Jooy meeshaa xiqqoo fi salphaa albuuda biyyee keessaa qorachuun oomisha ykn biqiltuu akkamii yoo dhaaban bu’a qabeessa taha kan jedhu adda baasuuf kan gargaarudha.

Meeshaan (AgTech & Inclusive Insurance Challenge Omishtu-Joy) kun akkuma samudni biyyee itti kennameen qabiyyee albuudaa, tempireechera fi jiidhinsa isaa adda baasuun bu’aa isaa karaa moobaayila ismaartifoonii [smartphone] erga.

Bara 2013 barattootni pirojektii eebbaaf jecha jalqaba yaad-rimee isaa dhiyeessinaan barsiisonni deeggaranii fooyyessuun akka kalaqamu gochuun hojjetamee sadarkaa kanaaf dhaqqabuu barsiisaan saayinsii kompiiteraa yuunvarsiitii Jimmaa Jaarmiyaa Baayisaa BBCtti hime.

Dorgommii Baankiin Adunyaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti kaampaanota teekinolojii jalqabbii irra jiran [Africa Startup] tahaniif qopheesse irratti Oomishtuu Jooy dorgomtoota 23 keessaa kanneen filataman shan keessa galuun akka dhiyaate Jaarmiyaan hime.

Oomishtuu Jooy albuuda biyyee qoratee yeroo gabaabaa keessatti adda baasuun gosa biqiltuu akkamii dhaabuuf akka tahu murteessuuf gargaara.

Oomishtuu Jooy maal hojjeta?

Akka Itoophiyaattis tahe naannoo Oromiyaatti gidduugalli qorannoo biyyee bakkeewwan muraasatti qofa kan argamu yoo tahu, saamuda fudhatee qoratee xumuruufis yeroo dheeraa fudhata.

Meeshaaleen fayyadamus baay’ee gurguddaa fi qaalii akka tahan himama. Bakkaa bakkatti kan baatamanii socho’an waan hin taaneef yeroo gabaabaatti qorannoo gaggeessuunis hin danda’amu.

Rakkoo kana furuun akkaataa albuuda biyyee sana keessa jiruun sanyii irra facaasuun ammoo oomishtummaan akka dabalu taasisa.

Meeshaan Oomishtuu Jooy biyyee lafa tokkoo fuudhee qorachuun yeroo gabaabduu keessatti asiidii biyyoo sana keessa jiru, albuuda fi jiidhinsa isaa adda baasuuf oola.

Meeshaan kun moobayila waliin kan wal qabatu yoo tahu bu’aa qorannichaa akka xumureen gara moobaayilaatti erga.

Meeshichi seenserii of irraa qaba. Biyyoo yeroo fudhatus karaa seenseroota isaa kanaan tahuu hima Jaarmiyaa Baayisaa.

Hubbannoo nam-tolchee [Artificial Inteligence] waan fayyadamuuf teeknoloojii ammayyaa keessa tokko isa taasisa.

Yuunvarsiitiin Jimmaas barattootni isaa hubannaa kanaa akka argataniif jecha kaarikulamii barnoota isaa keessa galchuun barsiisaa akka jiru hima Jaarmiyaan.

Oomishtuu Jooy ammoo meeshaa xiqqaa waan taateef namni tokko baatee bakka barbaade fudhatee deemuun qorannoo biyyee gaggeessuu ni danda’ama jedha Jaarmiyaan.

Haa tahu malee sooftiweerii moobaayilaa waliin waan hojjetuuf namni Oomishtuu Jooy fayyadamu bilbila smartphone qabaachu qaba.

Meeshaa kana irra meeshaalen xixiqqaan qara qaban jiru kan jedhu Jaarmiyaan isaan biyyee sana irraa samuda fudhachuun qabiyyee isaa adda baasu jedhe.

Samuda sanas yerooma sana adda baasuun bu’aa isaa agarsiisa. AI [hubannoo Nam-tolchee] waan fayyadamuuf yeruma sanatti bu’aa isaa deebisee agarsiisa.

Meeshaa kana baay’isanii oomishuun qonnaan bultoota hedduu bira dhaqqabsiisuuf akka hojjechaa jiran kan hime Jaarmiyaan kompiteroota hojichaaf gargaaran biyya alaa irraa galchuutu rakkoodha jedhe.

Meeshaaleen hojichaaf oolan biyya alaatti salphaatti argamu. Kan argachuuf rakkoo tahu gara biyya keessaa galchuuf yeroo baay’ee sharafa waan barbaadaniifi qaraxaaan gatiin isaanii waan galuuf.”

”Oomishtuu Jooy oomisha qonnaa akkaan guddisuuf gargaara. Qonnaan bulaan tokko lafa isaarra oomisha akkamii yoo facaase bu’aa argachuu danda’a? biqiltuu akkamiitu bakkichatti tola kan jedhu waan adda baasuuf oomishtummaa guddisuuf gahee guddaa qaba.

”Jimmatti jijjiiramni akkamii akka argame adda baasnee bu’aa qabeessumaa isaa argineerra,” jedhe.

Meeshaa kana baay’isanii oomishuun qonnaan bulaaf salphaatti dhiyeessuuf akka yaalamaa jiru kan himu Jaarmiyaan namoota dubbisuu hin dandeenyeefis akka hojjechuu danda’utti sagaleedhaan akka hojjetanii qopheessaa jiran himan.

”Qonnaan bulaan moobaayila ismaartifoonii qabaannaan sagaleedhaan ajajee bu’aa isaas akka dhagahu gochaa jirra.

Afaan Ingiliffaan qofa osoo hin taane Afaan Oromoo, Amaariffa, Somaalee fi Tigiriffaan waliigala afaanota shaniin hojjechaa jira. Afaanota naannoo Kibbaa keessas gara afaanota lamaa itti dabalaa jirra.”

Badhaasa mo’ate

Sagantaa badhaasaa dargaggoota kalaqaa fi teekinoloojii keessatti shoora ol aanaa bahaa jiran jajjabeessuuf kan qophaa’u ‘Africa Start Up Award’ Baankii Adunyaan deeggarama.

Dargaggoota teekinoloojii adda addaa irratti hojjechuun jalqabbii irra jiranii fi bu’aa buusan wal dorgomsiisuun badhaasa.

Akka meeshaaleen kunneen baay’achuun gabaaf dhiyaataniif leenjii yeroo gabaabas namoota kaampaanicha hundeessaniif ni kennama.

Dorgommiin bara kanaa Keeniyaatti kan qophaa’e yoo tahu biyyoota 23 irraa irratti hirmaachuu kan hime Jaarmiyaan dorgommicha irratti hojiileen kalaqaa shan jalqaba adda baafamuun dhiyaatan.

”Kaampaanota shan adda baafaman keessaa Oomishtuu Jooy sadarkaa shanaffaa irra taa’uun ture kan dhiyaate. Garuu tokkoffaa tahee filatamuun badhaasa arganne,” jedhe Jaarmiyaa Baayisaa.

Dorgommicha irratti meeshaa sana qabatanii ibsa kennuun akka ture himuun erga ibsa kennanii dorgomanii sadarkaa tokkoffaan xumuruun badhaasa doolaara kuma 25 tahu injifachuu hime.

Dabalataan bara 2013 akka biyyatti dorgommii gaggeeffameenis badhaasa argachuu kan himu Jaarmiyaan akka yuunvarsiitii Jimmaattis pirojektii mo’ataa jedhamuun filatamuu hime.

Meeshaan kun akka qonnaan bultoota bira gahuuf hojjetamaa akka jiru hima. Qonnaan bultootni meeshaa kana argachuun salphumatti biyyee ooyiruu isaanii baruun yoo irratti oomishan oomishtummaan isaanii haalaan akka guddatu amana Jaarmiyaan.

Yuunvarsiitiin Jimmaa Yuunvarsiitota Itoophiyaa keessatti argaman buleeyyii keessaa qorannoo fi qo’annoo adda addaa gaggeessuun beekama.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *