Valentine’s Day jechuun maalidha? Waa’ee seenaa kanaa beektuu?

Waan keenyaa kabajuu irraa waan Ormaa kabajuuf maaliif jaalanna?

Dhaloota waan Ofii beeku Rabbii nuu haa tasiisa. Waan Orma nurra haa qabu.

Guyyaan jaalalleewwanii yookaan Valentine’s Day jedhamuun beekamu waggaa waggaan Guraandhala 14 kabajamee oola.

Guyyaan kun moggaasa kana kan argate nama Qulqullicha Vaalantaayin irraa yoo ta’u, waa’ee nama kanaas seenaawwan adda addaatu himama.

Seenaa namoonni baayyeen irratti waliigalan keessaa tokko Qulqulluu Vaalantaayiin luba bara jaarraa sadaffaa keessa Room keessa jiraataa turan akka ta’aniidha.

Namni kunis gaa’ila karaa kiristaanummaatiin raawwatamu baayyee jajjabeessaa akka turan himama.

Mootiin bara sana turan Mootii Kilaawudiyas, loltoonnin gaa’ila ijaarratan dadhaboodha jedhanii waan amananiif, haadha warraa akka hin fuune dhorkaa turan.

Qulqullichi Vaalantaayin garuu murtee kanatti baayyee gaddan. Kun sirrii miti jechuunis waan tokko gochuu yaadan.

Kanaanis mootichi osoo hin dhagahiin icciitiidhaan loltoonnii akka gaa’ila dhaabbatan taasisuu eegalan. Garuu dhimmichi icciitiin osoo hin turiin dhagahame.

Motichis oduu kana wayita dhagahaniitti Vaalantaayiin akka mana hidhaa seenan ajaja dabarsan. Boodas murteen du’aa irratti murtaa’e.

Osuma mana hidhaa keessa jiranuf intala waardiyyaa mana hidhaa waliin jaalala cimaa keessa galan.

Isaan booda Amajjii 14 ajaja motichaatiin akka ajjeeffamuuf wayita fudhatamee adeemamuutti jaalallee isaatiif xalayaa qalbii namaa cabsu barreesseef. Xumura xalayaa sanarrattis ‘Vaalaantaayinii kee’ kan jedhu kaa’ee ture.

Namoonni biyyattii seenaa kana dhagahanis yeroo jaalalleewwan isaanitiif xalayaa barreessaniitti dhumarratti ‘Vaalantaayinii kee’ jechuun barreessuu eegalan.

Isaan boodas guyyaan Vaalaantaayin itti ajjeeffamee sun guyyaa jaalalleewanii taasifamuun akka kabajamuu eegalame hedduun ni ibsu.

Kennaa jaalallee isaatiif
MADDA SUURAA,GETTY IMAGES
Isiin guyyaa jaalallee ni kabajjuu?
Appii lammiilee Itoophiyaafi Ertiraa kuma 65 wal-jaalachiise
Akkasumas sababiiwwan kabaja guyyaa kanaati jedhamuun eeraman kan biraas jiru. Isaan keessaa tokko guyyaa sanatti warri Roomaa durii ayyaana kabajatan tokkotu ture.

Tibba ayyaana kanaattis dargaggoonni umuriinsaanii waggaa kudha wayii keessatti argamu kan itti jaalalleesaanii filataniidha.

Kanaafuu bataskaanni Room guyyaa ayyaana kana sirna Bataskaanaa gochuuf yaaduun seenaa Qulqullicha Vaalaantaayiin waliin waliitti qabuun akka ayyaana waggaa ta’u gochuusaanii hedduun ni dubbatu.


Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *