
Walaayittaa Sooddoo Hospitaala Gasuubaa jedhamutti daa’imni ilkaan lama qabu Wiixata Caamsaa 30 dhalachuu hospitaalichi beeksise.
Hoji Gaggeessan Hospitaalichaa Dooktar Tsaggaayee Indiriyaas kanaan dura daa’imni ilkaan waliin dhalachuun kan hin baratamne ta’uu eeran.
”Kaleessa daa’imni hospitaala keenyatti dhalate waan barame irraa adda karaa taheen ilkaan lama qaba ture. Hospitaala keenyatti waan akkasii argamee hin beeku ture. Ogeessotni keenya akkuma nu beeksisaniin deemnee argineerra,” jechuun wanti argan isaan raajuu himan.
Daa’ima dhalateef sa’aatii 24 inni hospitaala isaanii ture keessatti yaalii argachuu qabu hunda erga godhaniifii booda haadha isaa waliin gara manaatti gaggeessuus himan.
”Yeroo daa’imni haala kanaan dhalatu dhibeen kana waliin wal qabatu jiraachuu waan danda’uuf isa hordofnee llaalleerra,” kan jedhan Dr Tsaggaayeen, ”Qoonqoo irraa qaawwa qabaachuu danda’a jennee waan shakkineef qorannee sanas hin qabu,” jedhan.
Ogeeyyiin fayyaa ilkaanii, ilkaan akkasii wayita haati harma hoosiftu rakkoo qabaachuu mala jedhu.
Dr Tsaggaayeenis yaaddoo kana ni qooddatu, garuu daa’ima kanaa fi haadhasaarratti hanga ammaatti rakkoo hin argine jedhu.
”Daa’imni kun rakkachuu danda’a jennee kan ilaalle harma hodhuu isaati. Daa’imni kun garuu harma haadha isaa haala gaariin hodhuu danda’a.”
Daa’imni ilkaan waliin dhalate kun arrabaa fi afaan isaarraan miidhaa ga’uu mala yaaddoon jedhus jira.
”Ilkaan isaa kun arraba isaa miidhuu danda’a jennes ilaalleerra. Hanga ammaatti miidhaa hin qabu. Garuu harma haadhaa waraanuu danda’a. Haatis ammuma akka itti dhagahamu himteetti. Garuu miidhaa guddaa kan geessisu miti,” jedhan Dr Tsaggaayeen.
Gama kaaniin ilkaan kun qulqullaa’uu akka qabuu fi tasa cabee akka daa’ima hin miineef haati of eeggannoo guddoo gochuu akka qabdus itti himneerra jedhan.
”Haati ilkaan kana sirriitti suuta jettee akkka qulqulleessuu qabdu itti himneerra. Ilkaan kun akka kan nama kaanii jabaataa miti. Tasa cabee liqimsee akka ujummoo hargansuu isaa keessa hin galleef akka sirriti hordofuu qabdu haadha waliin dubbanneera.”
Taateen akkanaas daa’imman dhalatan 2000 hanga 3000 ta’an keessaa tokkorratti mudachuu akka danda’u ibsan.
Ilkaan kana wal’aananii sirreesuun danda’amaa kan jedhuu fi ilkaan haaraan hafan yoo biqilan akkam taha kan jedhuuf Dr Tsaggaayeen akkas jedhu.
”Kan arraba isaa miidhu yoo tahe baasuun ni danda’ama. Hanga ammaatti miidhaa addaa irratti fide hin qabu. Qorannoo adda addaas ilaalaa turre.”
Taateen kun daa’imman kumaatama keessaa tokko irratti kan argamuu fi sababni isaas ifatti waan beekamu miti jedhan.
”Ilkaan hafan kaan yeroo biqilan warri ammaa kun baduu danda’u. Baay’ee haphii waan ta’eef baduu danda’a. Haalli teessuma isaas sirrii waan hin taaneef badee haaraan biqiluu danda’a.”
Daa’imman hedduun ilkaan soogiddaa kan biqilchuu eegalan ji’a jahaa eegalee ta’us, kaan ji’a afurittis, waggaa tokko boodas ni biqilchu.