“Waanan bareedduu/daa ta’eef na jaallattemoo waan na jaallatteefan sitti bareede?” Oscar Hammerstein II)
“Uumamuu gaa’ela gammachuu fi nagaa hin qabneetiif sababni guddaan rakkoo jaalalaa osoo hin taane rakkoo walitti dhufeenya uumuuti!”
“Jaallachuufis ta’ee jaallatamuun dura of ta’ii argami! aangoo guddaan ati qabdu of ta’uudha. Maalif yoo jette, homtuu si ta’uu hin danda’u!”
“Mallattoon jaalala jalqabaa (Foonqaan) dargaggeessa tokko irratti mul’tu ofitti amanamummaa dhabuu yemmuu ta’u kan shamarranii ammoo ofitti amanamummaa guddaa horachuudha.” (The firs symptom of love in a young man is timidity, in a girl boldness) (Victor Hugo)
“Hariiroo jaalalaa keessattis ta’ee qixa kamittuu yartuun dhiifama gochuu hin dandeessu, dhiifama gochuun amala nama jabaati!” (Mahtma Gandhi)
“Seenaan jaalalaa inni dhugaan dhuma/xumura hin qabu.” (Rickard Batch)
“Hariiroo Jaalalaa keessattis ta’ee qixa kamittuu dhiifama gochuu jechuun nama si yakke sana mana hidhaatii baaftee kaatee hidhamee kan ture si’i akka ta’e beekuudha! Jechuun, dhiifama hin gootu taanaan hidhamtee jirta dafii bilisa of baasikaa!” (Louis B. Smedes)