
Waancaa Addunyaa kubbaa miilaa dhiirotaa bara kana Qaataaritti gaggeeffamu irratti dubartoonni haadha-murtii ta’anii akka taphachiisan filatamuun yeroo jalqabaatiif seenaan haaraa dirree ispoortii guddicha addunyaa kana irratti galmaa’uuf jedhame.
Lammii Firaans kan taate Isteefenii Firaappaart, lammii Ruwaandaa kan taate Saliimaa Mukaansaangaa, akkasumas lammii Jappaan kan taate Yooshimii Yamaashitaa taphoota Waancaa Addunyaa Qataar kana akka taphachiisaniif filatamaniiru.
Dubartoonni kunneen dubartoota sadii birootiin gargaaramuun taphachiisu jedhameera.
Waancaa Addunyaa Qaataar qopheessite guyyaa Wixataa Sadaasa 21 jalqabama jdhamee eegamu kana irratti abbootiin murtii kubbaa miilaa Piriimer Liigii Ingliiz keessatti taphachiisuun maqaa gaarii hortan akka Mikaa’el Oliiveriifi Antoonii Taayilaris filatamaniiru.
Antoonii Taayilar Waancaa Awurooppaa 2020 irratti tapha Denmaarkiifi Finlaad gidduutti taphatame abbaa murtii ta’uun kan taphachiise yoo ta’u, osoo taphataa jiruu dirree keessatti kufee kan gaggabe Kiristiyaan Eriksan wallaansa fayyaa atattamaa akka argatuuf dafee murteessuun lubbuun isaa akka oolu waan taasiseef hedduu dinqisiifatameera.
“Murteen dubartoonni akka Waancaa Addunyaa dhiirotaa] taphachiisan irra gahame kun adeemsa waggoota baayyeen dura irraa jalqabamee haadhotii-murtii kubbaa miilaa taphawwan kubbaa miilaa dhiirotaa giddu-galeessaa hanga dorgommiiwwan taphoota warra buleeyyiifi gurguddoo akka taphachiisan bobbaasuu irraa jalqabee asirra gahe.
“Akkaataa kanaan, nuuf amma ulaagaan barbaachisaan qulqullinaafi ciminadha malee, dhimma koorniyaa miti.
“Gara fuula duraatti, haadhotii-murtii kubbaa miilaa buleeyyii ta’an taphawwan kubbaa miilaa dhiirotaa gurguddoo akka taphachiisan filachuun akka waan adda ta’eetti kan ilaalamu osoo hin taane, dhimmuma baramaa ta’a jedheen abdadha.”
Walumaa galatti, abbootiin murtii 36, abbootiin murtii gargaaran (erbe-raastonni) 69, akkasumas qondaaltonni tapha viidiyoo 24 ta’an tapha Waancaa Addunyaa bara kanaatiif filatamaniiru.
“Akkuma yeroo hundaa goonu, ulaagaaleen nuti fayyadamne ‘dursa qulqullina/dandeettii’, akkasumas aanga’oonni taphachiisuuf bakka bu’an guutummaa addunyaa irratti murtii gaarii kennuudhaan hunda caalaa filatamoodha,” jedhan dura ta’aan Koree Abbootii Murtii FIFA Pierluigi Collina.