Walqunnamtii saalaa tokko raawwatanii kan itti aanuuf qophaa’aa ta’uuf yeroo hangamii fudhata? Dhiira moo dubartiitu irra daddafa?

Namni hunduu dhiirris ta’ee dubartiin walqunnamtii saalaa tokko raawwatanii kan itti aanuuf qophaa’aa ta’uuf akkuma bifa fuulaa, dheerinna /hojjaa, ulfaatina qaamaa fa’a garaagarummaa qabaachuu danda’a.

Garaagarummaa kanaafis wantoonni sababa ta’an hedduudha. Isaan keessaa muraasni:- Umrii, haala nyaataa, fayyummaa qaama guutuu waliigalaa fi kkf fa’a. Akka waliigalaatti garuu, dubartiin dhiira caalaa dafanii deebi’anii qophaa’aa ta’uu danda’u. Kunis, sekondii muraasaa hanga sa’aa muraasaa jechuudha. Dhiirri garuu, jiddu galeessan kan dubartii caalaa ni tura.

Kunis, daqiiqaa muraasaa hanga guyyootaa fudhachuu danda’a. Turtii kana hir’isuuf wantoonni gargaaran tokko tokko ni jiru. Isaan keessaa muraasni :-

  • Walqunnamtii saalaa boodas ta’ee dura sirriitti waliin taphachuu, iddoo si’aa’ina qaban kan akka fiixee harmaa, naannoo qaama saalaa, morma, rifeensa mataa fi kkf wal tuttuquu, akkasumas, waldhungachuu.
  • Walqunnamtii saalaa duraa fi boodas alkoolii osoo hin taane bishaan qulqulluu dhuguu
  • Sochii qaamaa guyyaa guyyaadhaan hojjachuu
  • Nyaata fuduraa fi muduraa qabu soorachuu fi kkfWaan hirmaattaniif guddaa galatoomaa!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *