
➲ Iddoo fi haala mijataa uumif : Shamarri tokko wantoonni ishee yaaddessanii fi dhiphisan yoo jiraatan, si wajjin walqunnamtii saalaa gochuun ishii hanga eegamu gammachuu kennuufii akka hin dandeenye beekuu qabda. Kunis fakkeenyaaf, waan akka daa’imman mana keessa yoo jiraaatan, tv fi raadiyoon banamanii yoo jiraatan, ykn namni ala keessa deddeemu bilisummaa kennaafii hin jiru yoo ta’e, gammachuu ishiin argattu irratti dhiibbaa guddaa qaba. Kanaafuu wantoota kana sisirreessi.
➲ Fedhii ishee eegif : Dubartiin takka yeroo wal qunnamtii saalaa si waliin raawwattu si dursitee xummuruu dandeessi. Yeroo kanammoo siif jetteetuma dirqama itti ta’e si jala ciisti malee itti tolaa hin jiru jechuudha. Kanaafuu miira ishee to’achaa deemuu qabda. Yoo isheen miira dura yeroo jalqabdan keessa jirtu keessaa baatee fuula baduu jalqabde, mi’a kee keessaa fudhadhuu, sirriitti ofitti qabii hammadhu akka dhiigni ishee sirriitti naanna’u. Akkasitti isa itti aanuf qopheessi.
➲ Qaamashee hunda fedhii itti kakaasi : Qaamota ishee si’aawoo ta’an qubaa fi arraba keetin fedhii itti daddabalaa deemuu qabda. Kan dubartii biraarratti agarte ishii tanaaf ta’uu dhiisuu danda’a waan ta’eef yaalii fi qo’annoo gootee kan ishiif mijatu argachuu qabda. Zooniwwan qaamashee kanneen akka mormaa, gateettii, harma lamaan, garaa, sarbaa lamaan gidduu, teessuma lamaan, bobaa jala fi iddoo kamuu jabeessitee yk laaffistee qaqqabaa akka ishiin ta’aa jirtu laaluu qabda. Akkasitti fedhii ishii baruun gammachuu kennuufin ni danda’ama.
➲ Yeroo ishiin qophooftuu taatu akka si beeksistu gaafadhu : Kuni qaama saalaatiin waan wal qabatudha. Yeroon osoo hin gahin qaama saalatti seensisuug fiigun gaarii miti. Yeroo qaba wanti hunduu. Akka malee dadhabsiistee akka of jibbitus hin godhin. Jaalallee kee tana miira ishii akka ibsattu yeroo kamiyyuu hin dhoorkin. Yoo akkas ta’e ishiinuu yeroo ho’ite, gara maasaraa ishiitti si dhiibbatti. Yoo kan duraan iftoominni hin jiraanne ta’emmoo eeyyama ishiin qaaman siif kennaa jirtu laalaa qaama saalaa ishees abuurta jechuudha. Akkasitti intalas fedhii baastee ofiifis gammadaa taata.
➲ Qinxirii fi ala nafsaalaa irratti xiyyaeeffadhu : Sitti toleedhumaaf keessa nafsaalatti baay’ee hin fiigin. Arrabaanis ta’u, qubaan ykn qaama saalaa keetin qinxirii fi ala isaa sirriitti si’eessi. Achi booda hidhii gamaa fi gamana qaama saalaa sirriitti itti kakaasi. Akkasitti gara keessaa galuu dandeessa malee tokkichumaan utaalanii keessa bu’uun baay’ee dubartii hin fayyadu.
➲ Gosa walqunnamtii saalaa mijataa fayyadami : Kuni akkuma yeroo biraa jaalala itti agarsiisaa, suuta walqunnamtii saalaa hojjatamuudha. Walitti dhufeenya gadi fagoo qabaachuu keessan akka hubattu gochaa deemuu qabda. Miirri keeti fi ishii walhubachaa ta’uu qaba. Walqunnamtii saalaa qofaaf akka ishee hin barbaanne siif hubatti yoo akkas ta’e. Yeroo kana walqunnamtii saalaa si waliin gootuuf banaa taate siif akka ati jettu siif taati jechuudha.
➲ Dhimma kana keessatti akka hirmaattu affeeri : Ati ofuma gammachiisuuf dhamaata. Ishiin immoo qaanoftuu ta’uu malti. Ykn si sodaattee callisti malee kallattii kamiin osoo hojjattanii akkamitti akka itti tolu sammuu ishiitti ni yaaddi. Kanaafuu, fedhiishii ibsachuu akka bartu godhi. Gaafachaa deemi.