Waraana Yuukireen fi Afriikaa: Dhiibbaa boba’a, barattoota fi daabboo irratti qabu.

Namicha daabboo gurguru Masrii bara 2017
Ibsa waa’ee suuraa,Gatiin daabboo ariitiin dabaluun yaaddoo uumeera

Waraanni Yukireen biyyaalee Afriikaa muraasa irratti miidhaa hammaataa geessisuu danda’a.

Waraanichi diinagdee biyyaalee Afriikaa yaaddoo keessa galchuun cinaatti biyyaaleen gama Raashiyaa ykn warra Lixaatti goruuf dhiibbaa dippilomasii keessa galaa jiru.

Marsariitiin oduu biyya Afriikaa Kibbaa ‘Daily Maverick’ “lolli fagoo Awurooppaa keessatti adeemsifamu tokkon tokkon araddaawwan fi magaalota Afriikkaa Kibbaafii addunyaatti ni dhagahama” jedha maxxansa isaatin.

Waraana Yukireeniif deebiin Afriikaa maali?

Biyyi ardii Afriikaa keessatti diinagdee inddaastiriin cime qabdu Afriikaan Kibbaa loltootni Raashiyaa hatattamaan Yukireen gadhiisanii akka bahan, waldhabdichis karaa nagaan akka furamu gaafatte.

“Lolli meeshaa waraanaan adeemsifamu mamii malee dararama namoomaa fi mancaatii qaqqabsiisa, kun immoo Yukireen qofa osoo hintaanee addunyaa kan miidhudha. Biyyi waldhabdee kanaan hin miidhamne tokkolleen hin jiraatu” jedha ibsi mootummaa Afriikaa Kibbaa.

Haa ta’u malee ejjennoon Afriikaa Kibbaa kun Raashiyaaf “haleellaa” cimaadha. Biyyaaleen lamaan michummaa diinagdee cimaa qabu. Dabalataanis lachanuu miseensota gamtaa biyyaalee BRICS jedhamuuti.

Gaanaa fi Gaabon- biyyaaleen lamaan yeroo ammaa miseensa Mana Maree Tasgabbii Biyyaalee Gamtoomanii yemmuu ta’an lachuu isaaniitu gochaa Raashiyaa balaaleefataniiru.

Hanga ammaatti biyyi Afriikaa giddu seentummaa Raashiyaa deeggaruun dubbate hin jiru.

Haa ta’u malee ajajaan waraanaa biyya Sudaan Jeneraal Mahaammad Hamdaan “Hemeti” Dagoolo wayita waraanni Yukireen keessaa eegalutti Raashiyaa magaala Mooskoo gahaniiru.

Imalli isaaniis walitti dhufeenya Raashiyaa waliin qaban cimsuu akka ta’e himameera.

Siidaa yaadannoo waraana Raashiyaa Rippabliika Jiddugaleessaa Afrikaa keessa bara darbe dhaabbate
Ibsa waa’ee suuraa,Siidaa yaadannoo waraana Raashiyaa Rippabliika Jiddugaleessaa Afrikaa keessa bara darbe dhaabbate

Waraannichi ummata Afriikaa akkamiin miidha?

Gatiin boba’aa barmeelii tokkoo gabaa addunyaarratti bara faranjootaa 2014 as yeroo jalqabaaf Doolaara 100 (Birrii 4,900) ol ta’eera.

Kun immoo biyyaaleen Afriikaa boba’a omishan kan akka Naayijeeriyaafii Angoolaa galiin isaanii akka dabalu taasisuu danda’a.

Haa ta’u malee daballiin gatoo boba’aa ummata Afriikaaf gatiin geejibaa akka dabalu taasisa. Kun immoo gatii omishaalee biroo irratti dhiibbaa kan qabaatudha.

“Guutuu addunyaatti gatiin nyaataafii anniisaa dabaluun qaala’insa jireenyaa guddisu. Baankiiwwan biyyaalessaa kana to’achuuf hammeentaa dhalaa guddisu. Kunis rakkoo biraati” jedhu Renisaans Kaapitaalitti ogeessi diinagdee Chaarlii Robartisan.

Gulaalaan dhaabbata maxxansaa ‘Africa Confidential’ Paatrik Smiiz immoo waraanichi biyyaalee Afriikaa boba’a fi gaasii omishaniif carraa guddaa akka qabu hima.

“Awurooppaan gaasii Raashiyaadhaa bittu bakka buusuuf filannoo birraa barbaaddachuu qabdi. Kanaaf filannoon amansiisaan immoo Afriikaa keessa jira. Kanaaf kuni biyyaaleen Afriikaa dafanii waliigalteewwan haaraa akka mallatteessaniif carraa guddaadha” jedha.

Rakkoon guddaa sababa waraana kanaan Afriikaa mudachuu danda’us dabaluu gatii daabboo ta’uu akka malu Paatrik hima.

Sababni isaammoo qamadii akka addunyaatti omishamu keessaa dhibbeentaan 30 Raashiyaafii Yukireenin kan omishamu ta’uu isaati. “Gatiin daabboo sababa hookkara siyaasaa ta’uun warraaqsa biyyaalee Arabaa mudatee ture /Arab Spring/ fideera. Biyyaaleen Maagrab qamadiirratti hirkatan kan akka Ijipt, Tuuniziyaa, Morookoo, Liibiyaa fi Aljeeriyaa hanqina dhiyeessiifii dabaluu gatii qamadiitiin cimaa miidhamu” jechuunis hima Paatrik Smiiz. Keeniyaanis biyyaalee sababa waraanichaan diinagdeen isaanii yaadoo keessa seene keessaa tokko.

Dubartii Keeniyaa baala Shaayee guuraa jirtu
Ibsa waa’ee suuraa,Keniyaa biyyoota shaayee gara alaa ergan keessaa ijoodha

Raashiyaan biyyaalee omisha baala shaayee Keeniyaarraa bitan isaan gurguddoo shan keessaa ishee tokko.

Kanaafuu qoqqobbiin diinagdee Raashiyaarra kaa’amu indaastirii omisha baala shaayee Keeniyaarratti miidhaa qabaachuu danda’a.

Dhimma Afrikaanota Yukireen jiranii

Kaffaltii barnootaa madaalawaa ta’e fi Afriikaa waliinis hidhata bubbule kan qabdu Yukireen biyya barattoota Afriikaan filatamtudha.

Afrikaanotni kumaatamaan lakka’aman yunivarsiitiiwwan biyya Yukireen keessatti barumsarra /keessattuu barnoota Medisinii/ jiru.

Kunneen biyyattii keessa hojjechaa jiraatanis ni jiru.

Haa ta’u malee eegalamuun waraanaa nageenyi Afrikaanota kunneenii yaaddoo keessa akka galu taasiseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Gaanaa lammiileensaa 1,000 ol ta’an kunneen Yukireen keessatti argaman mana isaanii fi dahoowwan mootummaan qopheesse keessa akka turan gorseera.

Haa ta’u malee Gamtaan Barattootaa Biyyaalessaa Gaanaa mootummaan biyya isaanii barattoota Yukireen jiran deebisuuf haala akka mijeessu gaafataniiru.

Biyyaaleen Afriikaa Yukireen keessatti barattoota heddu qaban Morokoo (8,000), Naayijeeriyaa (4,000) fi Ijipt (3,500) dha.

Ministeerri Dhimma Alaa Naayijeeriyaa gama isaatiin nageenya lammiileesaa biyya Yukireen jiran eeguuf fi “kunneen achii bahu barbaadan akka bahaniif haala mijeesuuf” hojjechaa akka jiru himeera.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *