
Qorannoon dhibee lafeef osteoporosis jedhamuufyaadamee akka warra molateef fayyina fidu bira ga’amuun dhaga’ameera.
Qorattoonni akka jedhanitti qoricha argame kun akka rifeensi margu dhiibbaa ajaa’ibaa gochuu akka danda’u laaboraatoorii keessatti irra ga’uu dubbatu.
Waantota pirootiin akka rifeensi hin biqille danqanirratti xiyyeeffatan of keessatti qabata waan ta’eef moluu balleessuu keessatti ga’ee guddaa taphata jedhan.
Yuunvarsiitii Maanchesteritti Dursaa pirojektii kanaa Dr Naataan Hawukshaw akka jedhanitti, “Namoota warra rifeensa isaanii dhabanii yaadda’aniif jijjiirama dhugaadha”.
Hanga ammaatti moluu balleessuuf qoricha gosa lama qofatu jiru (androgenetic alopecia):
- minoxidil, dhiirotaafi dubartootaaf
- finasteride, dhiirota qofaaf
Lamaan isaanii garuu NHS irratti kan hin argamne, yeroo barbaadmanis salphaatti kan hin argamneefi miidhaa biraallee warra qabanidha. Sababii kanaafis, namoonni caalmaatti wallaansa baqaqsanii hodhuun jijjiirrachuu fayyadamu.
Dr Hawukshaw akka BBC’tti himanitti wallaansi kun milkaa’aafi kan namarratti rakkoo hin uumne ta’uusaa mirkaneeffachuuf yaaliin kilinikaa ni barbaachisa.
Maaltu akka rifeensi dhumu taasisa?
Rifeensi dhumuun waanta guyyaa guyyaan uumamu waan ta’eef waa’ee isaa yaaduun hin barbaachisu.
Kan doktora bira ykn mana yaalaa deemuu nuti qabnu:
- tasa yoo rifeensi dhumate
- bakki moluu dabalaa yeroo deemu
- yeroo rifeensa aluma takkaaan luqqa’e
- yoo kan mataa ooksisuufi gubu ta’e
- waa’ee dhumaatii rifeensaa kan yaaddofnu yoo ta’e
Dubbi himaan Waldaa Ogeessota Gogaa Biriitish BBC’tti akka himanitti: “Kun qorannoo baayyee gaariidha.
“Qorattoonni akka jedhanitti, rifeensa dhabuun rakkoo baramaadha; kabaja offifi ofitti amanamummaa nama dhowwachuu dabalatee fayyaa miiraa namaarrattis miidhaa jabaa fiduu danda’a.
“Akka jedhanittis, namoota rifeensa dhabaniin faayidaarra ooluun duras qorannoon dabalataa taasifamuu qabas jedhaniiru.”