
Sanbata har’aa galagala sa’aa afur irraa eegalee Paarisitti Liivarpuuliifi Riyaal maadriid waancaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaaf yoo morkatan deeggartootni Liivarpuul 60,000 Paaris galaniiru.
Hedduun deeggartoota Liivarpuul tikkeeta malee Paaris kan jiran yeroo, kilabni isaani waancaa FA fi Kaaraba’oo argatetti Chaampiyoonsi Liigii akka ida’u abdataniiru.
Maadriid gama isaan Laaligaa Ispeen injifatee leenjisaa isaa Kaarloo anchelootii waliin yeroo afraffaaf shaampiyoonsi Liigii injifachuuf falmata.
Liivapuul waggaa shan keessattisi’a sadaffaaf xumura shaampiyoonsi liigiif qaqqabe. Torban darbe hanga xiqqoof waancaa piriimiyeer Liigii Ingiliz dhabee fuula gara Paarisitti naanneffate.
Leenjisaan Liivarpuul Yaargan Kiloopp ”miira gaarii kessa jirra. Fayyaa guutuu qabaannaan, akka amma ijoolleen keenya jira, jireenyi irra deddeebiin carraa sii kennitti amma carraan kan xumura shaampiyoonsi Liigiiti” jedhan.
Waggaa shan keessatti yeroo sadii xumura shaampiyoonsi Liigiif qaqqabuun waan addati kan jedhan Kiloop addadha. ”Waan dandeenyu hunda kenninaaf, ni argina”
Yeroo 35ffaaf Laaligaa Ispeen kan injifate Riyaal Maadriid leenjisaa isaa Kaarloo Anchelootii, leenjisaa liigiiwwan awurooppaa gurguddoo shan inifatan isaan gochuun seenaa dalagsiiseera.
Dur Cheelsii kan leenjisan Anchelootiin ”gareeleen gurguddoon lama walfalmuuuf jedhu. Gareen ciminaafi bilichina sammuu qabu dhumarratti ni injifata” jedhan.
Tapha daqiiqaa 90’n gareeleen lamaan adda hin bahan taanaan daqiiqaan soddomni ni dabalama. Sanaaniis wal hin injifatan yoo ta’e gara rukuttaa peenaalitii galu.
Gareeleen ciccimoon awurooppaa lameen kun xumura waancaa shampiyoonsi liigii irratti yeroo walitti dhufan kan kan jalqabaa miti. Bara 2018’tti walitti dhufanii Maadriid 3-1 injifatee ture.
Maadriid har’a yoo injifate lakkoofsa waancaa shaampiyoonsi liigii injifatee 14’n gahee hangafummaa isaa itti fufsiisa. Liiverpuul yoo injifate ammoo yeroo torbaffaaf injifachuun AC Miilaan waliin qixxaatee sadarkaa lammaffaarra taa’a.
Saadiyoo Maaneen Liivapuuliifi Kariim Benzeemaan Maadriid badhaasa guddicha taphataa cimaa addunyaaf kennamu Ballon d’Or injifachuuf warra tilmaama jalqabaa argatan yeroo ta’an, injifannoon galgala kanaa murteessummaa guddaa qaba.
Tapha xumuraa Paarisiif dursee darbuu kan mirkaneesse Liivarpuul Maadriid Siirii injifatee darbuu yoo mirkaneessu Mohaammad Saalaa dubbiin dubbate miidiyaalee hedduun gabaafameera.
Maadriid ”waliin herreega buufannu qabna” jechuun Maadriidiin bara 2018 Kiyeevitti injifatamuu isaaniif haaloo akka bahu dubbate.
Tapha waggaa afur duraa san irratti Saalaan miidhama Sarjiyoo Raamos irraan gahee tapha adda kutee boohaa dirreedhaa bahe.
Seenaa dorgommii kanaa keessatti gareeleen lameen kun yeroo sadaffaaf xumura irratti walitti dhufan. Bara 1981 waggaa 41 dura yeroo walargan Liivarpuultu 1 fi 0 injifatee ture. Seenaa waggaa afurtama duraa moo kan waggaa afur duraatu irra deebi’a? Har’a Paaris deebii ni laatti.
Tapha afur injifatamtee xumuraaf gahuu
Riyaal Maadriid dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara kanaan taphoota 12 keessa afur injifatameeti ka xumuraaf darbuuf hiree argate. Liivapuul ammoo taphoota liigii Ingiliiz dabalatee taphoota 62 bara dorgommii kana taphate keessaa sadii qofa injifatame. Maadriid yeroo 17ffaaf xumura dorgommii kanaaf gahe.
Maadriid morkattoota Liivarpuul kan ta’an Cheelsii fi Maanchistar Siitii fa’i injifatee as gahe. Siitii waliin taphni dhaqaa galatti godhame diraamaan kan guute yeroo ta’u yeroo lamaanuu duubaa ka’uun goolii galchuun goolii waliigalaa 5-3 hiree darbuu argatan.
Benzeemaa fi Roodiriigoon abbaa oolmaa Maadriid turan.
Paaris hiree Mooskoo argatte
Taphni xumuraa shaampiyoonsi Liigii gama televizhiiniin uummatni addunyaa miiliyoona 400 ta’u daawwata jedhamu kun jalqaba Mooskootti akka gaggeefamu murtaahus sababa Raashiyaan Yukireen weerarteen Paaris hiree akan argatte.
Seent Piitersbeerg irraa gara Istaade dee Firaansitti yeroo jijjiiramu Paaris yeroo qophii ji’oota sadii qofa argatte.
Yeroon qophii silaa kan idilee ji’oota 18 ture.

Yeroo sadaffaa walitti aanuuf istaadiyaamiin tapha xumuraa dorgommii kanaa keessummeessu jijjiirame. Baroota dorgommii lamaan darban sababa weerara Koronaan jijjiiramee ture.
Istaadiyeemiin Paaris kun yeroo dhumaan taphni xumuraa dorgimmii kanaa keessummeesse bara 2006 yeroo Baarseloonaafi Arsenaal wal-morkatan ture. Baarseloonaan Paarisitti Arsenaalirra aanee ture
Deeggartootni Liivarpuul 60,000 ta’an hedduun tikkeeta malee Paaris kan seenan yeroo ta’u magaalittii halluu diimaa garee isaanii faayaa turan. Farnasaay nageenya eeguuf poolisoota gara 7,000 ta’an bobbaafteetti.
Istaadiyoomiin kun daawwattoota 75,000 keessummeessa. Garuu gareelee lameeniifuu deeggartoota 20,000’tu hayyamni teessoo kenname. Tikkeetni 12,000 ammoo deeggartoota addunyaa guutuu keessa jiraniif kenname.
Tikkeetni hafe 23,000 ta’u waldaalee biyyaaleessaa, deeggartoota daldalaa, biroodkaastaroota fi hojjettoota keessummeessaniif kenname.


Deggartootni Liiverpuul tokko shanaffaan tikkeeta kan bitatan gatii £410 and £578 jiruuni. Liivarpuul irraa gara Paaris Jimaataafi Sanbata ganama balaliiwwan dabalataa 34 kan gageefaman yeroo ta’u kanaanis deegartootni 9,000 imalaniiru.