Yeroo heddu dhiironni dubartoota caalaa maaliif of ajjessu?

Garaagarummaa sakandiiwwan 40tiin addunyaarraa bakka tokkotti namni tokko of ajjeesa. Yeroo hedduu kan ofiin of ajjeesan dhiirota.

Kunis irra caalaan sababa rakkoo isaanii himatanii qarqaarsa hin gaafannefi. Ofii dhimmoonni dhiironni haasa’uu qaban maal fa’i?

Miidiyaa hawaasaa fi Dhugaa

Itti fayyadamni miidiyaa hawaasaa fayyaa sammuu irratti miidhaa qabaachuu mala.

Qorannoon Yuunivarsitii Peenisilvaalniyaa akka mirkaneesseetti namni tokko hammuma miidiyaa hawaasaa tureen kophummaan itti dhagaahamaa deema. Dhiibbaan inni dhaqqabsiisuus kan sirreessuun danda’amu miti.

“Yeroo miidiyaa hawaasaa irratti dabarsitan hir’isuun mukaa’uu ykn ‘Depression’ akkasumas miira kophummaa ni xiqqeessa” jedhu qorannicha kan barreessan saayikoloojist Meelisaa Haant.

namoota suuraa ofee ka'aa jiran
Ibsa waa’ee suuraa,Miidiyaan hawaasaa miira dhugaa nama tokkoo ni haguuga ykn dhoksa

Garuu miidiyaan hawaasaa akkamiin nama miidhuu danda’a?

Yeroo baay’ee wanti miidiyaa hawaasaa irratti ta’u kan dhugaan lafarra jiru hin mul’isu jedhu pirofeesarri saayikoolojii Yuunivarsiitii Michigaan.

“Namoonni wayita gara miidiyaa hawaasaa seenan wantoota dhugaa lafa jiru irraa baay’ee fagoo ta’an argu. Ta’us dhugaa jireenya isaani fi kan miidiyaa hawaasaa wal bira qabanii madaaluu hin dhiisan, suun miira namootaa irratti dhiibbaa qaba” jedhu.

Kophummaa

Qorannoo guddicha sagantaan Yaalii kophummaa BBC dhaaba ‘Wellcome Collection’ jedhamu waliin hojjeteen dargaggoonni umurii waggaa 16 hanga 24 yeroo mara warra kophummaan itti dhagaa’amu.

Dargaggeessa fiixee manaarra taa'ee ala gadi ilaau
Ibsa waa’ee suuraa,Dargaggeessa fiixee manaarra taa’ee ala gadi ilaau

Qorannoon Yuunivarsitii Oksfoord bara 2017 baase akka mul’isutti kophummaan dhiirota irratti ni hammaata. Irraa dandamachuufis ni rakkatu.

Qorannoo kana kan hojjete Roobin Dunbar akka jedhutti hiriyummaan dhiirotni dubartoota waliin qaban bilbilaan sa’aatii dheeraa haasa’uu danda’uu irratti murtaa’a.

Kan dhiirota gidduu ammoo waliin waa gochuu – kubbaa taphachuu, mana dhugaatii waliin deemuu, waliin yeroo dabarsuu gaafata jedha.

Kophummaan sadarkaa hamaarra wayita gahu, qaamarraanis ta’e sammuurraan dhiibbaa fayyaa geesisuu danda’a.

Qorannoowwan kophummaan kallattiin dhibee waa dagachuufi dhukkuboota biroof akka nama saaxiluu danda’u agarsiisu.

Boo’icha

Bearded man holding his head in his hand and tearing up

Qorannoowwan hedduun akka mul’isanitti boo’ichi miira namaa qooddachuufi hariiroo hawaasummaa cimaa uumuuf gargaara.

Haa ta’u malee ilaalchi “dhiirri hin boo’u” jedhu kanaaf rakkoo ta’eera.

Dhiirota umuriin isaanii waggaa 18-24 gidduu jiran keessaa dhibbeentaan 55 boo’ichi dhiirummaa isaanii akka xiqqeessu yaadu kedha qorannoon UK keessatti taasifame tokko.

“Ijoollee dhiiraa akka miira isaanii hin ibsanne goone guddifna, sababi isaa miira ofii ibsachuun akka dadhabinaatti fudhatama” jedha dhaabbata Awustiraaliyaa dhimma kanarratti gorsa kennu kan hogganu Kaalmon Odirisool.

Maatii bulchuu

Qorannoon dhiyeenya UK keessatti taasifame akka himutti dhiironni haadha warraa isaanii caalaa galii argamsiisuu akka qaban yaadu. Isaan keessaa Olumidee Durojaaye tokko.

Olumide Durojaiye
Ibsa waa’ee suuraa,Olumidee Durojaaye hojjetaa galii jiddugaleessaa qabu

“Abbaan koo halkanii guyyaa hojjetee, oliif gadi kaatee maatii keenya bulcha ture, akkas ta;uun hawwe” jedha. “Gahee ‘dhiira’ irraa eegamu sana baahachuuf maallaqi akka na barbaachisu yaaduun eegale.”

Itti gaafatamummaan maallaqaa akkanaa jiraachuun fayyaa sammuu daran miidhuu danda’a. Carraa hojii dhabuun yaadni of ajjeesuu akka dabalu taasisa jedha qorannoon Bara 2015 qoratame.

Rakkoon guddaan ammoo wayita namoonni galii isaanii kan namoota kaanii waliin wal bira qabanii madaalan kan uumamu akka ta’e mul’isa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *