
Marsaa laguu walqunnamtiin saalaa hanga fedhii jara lamaanii (isaa fi ishee) ta’eetti fi walii galanitti raawwatamu ni danda’a. Walqunnamtiin saalaa yeroo kana raawwatamu faayidaa fi miidhaa mata isaa qaba.
FAAYIDAALEE DUBARTOOTAAF
- dhiphanna fi mukaa’uu hir’isuu
- mataa dhukkubbii fooyyessuu
- dhukkubbii garaa yeroo kanaa hir’isuu
- turtii laguu xiqqeessuu
- qulqullinna hirriba dabaluu fa’a
MIIDHAA DALGAA
- Carraan dhukkuboonni walqunnamtii saalaa daddarbuu kan yeroo kaanii caala olka’aadha, kanaaf
- tokkoof tokko ta’u
- Walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne gochuu dhiisuu, fknf Koondomii fayyadamu fi kkf
- Carraan isaa baayyee xiqqoo ta’us ulfi uummamuu danda’a, keessaattuu namoota marsaan laguu isaanii, jeeqamuu fi dafee dafee itti dhufu, fknf dubartii marsaan laguu ishee guyyaa 22,22n itti dhufu, ulfaa’uu dandeessi, kanaaf dubartoonni kunneen mala qusanna maatii fayyadamuu qabuu, garuu guyyaa 28,28 taanan carraan ulfaa’uu hin jiru,
- Sababa dhangala’an(dhiigni) jiruuf namatti toluu dhiisuu danda’a, kanaaf jarri lachuu kana beekanii itti seenuu fi mala barbaaddu qabu.