Yeroo tokkotti dhiiraa lama irraa ulfaa’uu (superfecundation). Akkamitti danda’ama?

Dubarri tokko yeroo hanqaaquun gadhiifamtu( Ovulation) yeroo gabaabaa keessaatti dhiira lama wajjiin qunnamtii saalaa yoo goote carraan lamaan isaanitiin ulfaa’uu ni jira!
Daa’immaan haala kanaan dhalatan lakkuu yoo yoo dhalataniyyuu wal hin fakkaatan kunis abbaa isaanii fakkaachuu danda’u jechuudha!

Biyyaa keenya keessaattis yeroo da’ima lakkuun dhalatan tokko kiyyaa miti jechuun ni muudata.Kunis sababa qala’insa jireenyaa qofaaf osoo hin taane carraa da’immaan lakkuu dhalatan kan abbaa adda addaa tahuu danda’u jechuudha.

Kanas adda baasuu qorannoo DNA kan barbaachisu yoo tahu biyya keenya keessatti baayyee hojiirra hin oolle.

Seenaa dhugaa irratti hundaa’en dubartiin biyya Ameerika kutaa Niiwu Jeersii keessatti deesse suuraa armaan gadii ilaalaa! Daa’ima bifa gurraacha fi adii lakkuu deesse!
SAFUU jedheera ani! Isinhoo?

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *