Yeroo Walqunnamtii Saalaa Dubartiin Fedhii Ba’uu Ishii Akkamitti Beekna?

◉ Yeroo walqunnamtii saalaa fedhii isaanii ba’anii xummuruun dubara irra gara dubaraatti garaagarummaa qabaachuu danda’a. Dubartoonii tokko tokko sirumaayyuu waan fakkeessaniif dhiirri akka ishiin fedhii baate beekun ni ulfaata. Dhumarratti dubartiin yeroo fedhii baatu sagaleen ishiin dhageessiftu yookin gochi ishiin agarsiiftu ni jira.
.
➲ Hargansuu fi dha’annaan onnee jijjiiramuu : Yeroo raawwatamus hargansuu fi dha’annaan onnee akka dabalu ni beekama. Ta’us garuu yeroo xummura irra geesse kan yeroo kaamirrayyuu akka malee dabala.
.
➲ Qaamni baquu : Dubartiin yeroo raawwatamu dhiisitii yeroo miira keessa seenteyyuu bifti qaama ishii ni jijjiirama. Garuu kan yeroo kamirrayyuu yeroo xummura irra geessu akka malee baqee ifee mul’ata, ijji keessaa yayaa’a.
.
➲ Gammadduu taati : Miira gammachuutu irraa mul’ata. Yeroo raawwatamaa jiru san itti toluu dhiisuu danda’a, ta’us garuu yeroo xummurtutti ni gammaddi. Sekoondidhuma keessaatti miira gaddaarraa gara gammachuutti jijjiirti. Hanga kolfuuttifaa deemnan fedhii baate jechuudha. Ni qaanofti, akka duraatti ija dhiiraa keessa hin ilaaltu.
.
➲ Of wallaaluu : Dubartii hunda ta’uu baatus tokko tokko miira hirriibaa, hanga yeroo xiqqootif of wallaaluu dandeessi. Maashan ishii laafee waan jiruuf of too’achuu dadhabdi.
.
➲ Qaamni Hoollachuu : Yeroo sirritti fedhii baa’an qaamni isaanii handhuura kaasee hanga miilatti ni hoollata. Of gattee dhiira jalatti diriiruu dandeessi.


.
➲ Nafsaalli ishii ni jijjiirama : Miira nafsaalaa dhiiraa qabuu, gadidhiisutu mudata. Too’achuu waan dadhabduuf takka qabaa, takka immoo gadi dhiisti. Nafsaalli dubartii kan yeroo raawwatamaa tureen amala addaa agarsiisuu danda’a. Baay’ee lallaafuu, yookin jabaachuu nafsaala dhiiraa qabuu danda’a.
.
➲ Dhangalaa’an gadi nam’uu : Yeroo walqunnamtii saalaa qaamni saalaa akka laafu/jiidhu ni beekama. Akkasumas yeroo tokko tokko yeroo xummuran dhangala’aan ammaan baay’ee ta’e keessaa ni fincaa’a.
.
➲ Haasawaa : Dubartiin yeroo fedhii baatuu haasawuu barbaaddi. Kan yeroo raawwatamu hin dubbanne amma fedhii baanan miirri odeessi odeessi ishii godhu ni jira. Oduun itti mi’aawa. Waanuma hunda xibaaruu barbaaddi.
.
◉ Walumaa galatti garuu parsaantii dhibba fedhii ba’uu ishii beekun ni ulfaata. Ishumatu beeka waan ta’eef osoo ishiin akka fedhii baate ofumaan beeksiftee gaaridha. Dubartiin osoo xummura irra hin ga’in dhaabnan mataatu dhukkuba, ni mukoofti, haalli itti hin tolu. Kanaaf ishiin fedhii baatee laata jettee ishii hordofuurra gochoota ishiin akka daftee fedhii baatu godhan irratti osoo xiyyeeffattee siif wayya.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *