
-Wal dhabdee yaadaa hiikaa jireenya itti fufuun jiraatus kan karaa walqunnamtii saalaa garuu furuun yeroo itti ulfaatu ni mul’ata. Dhiirri fi dubarri qaaman gargar ta’an yeroo walqunnamtii saalaa raawwatamus garaa garummaan ni muudata. Lachuu mallattoo addaa addaa agarsiisu.
– Salphaa fakkaatus dhiiraf dubara jidduutti yeroo walqunnamtii saalaa gargar imaluu barbaadu. Kanaaf garaa garummaa miira keenyaa waliif baruun baay’ee gaaridha.
1.Suuta imalchiisi
-Harka qabi. Dhiirri waan dafee fiiguu barbaaduf atimmoo isa tasgabbeessaa deemi. Uffata kee ofirraa baaftee jala ciisuu hin qabdu. Qaama ho’isuu keessatti ga’ee kee taphachuu qabda. Ofii kee isatti lakkistee atimmoo suuta uffata isaa situ irraa baasuu qaba.
- Karaa feetu itti agarsiisuu
– Daandii itti agarsiisi. Dhiirri yeroo baay’ee waan ati feetu hubachuu waan dadhabuuf karaa itti agarsiisi. Inni akkuma kaleetti irra deebi’uu waan barbaaduf ati haala isaa hubachiisaa deemi. Yeroo iddoo sitti tolu inni ga’e sagalee kee dhageessisuun akka itti fufu jajjabeessuu dandeessa.
3.Eeyyamamaa ta’uu
– Yeroo hunda qunnamtii fedha. Dhiirri wixataa hanga wixataatti qophaa’etuma taa’a. Ati fedhiin kee dafee dhufu dhiisuu danda’a. Dhiirri garuu yeruma argame kamiyyuu raawwachuu barbaada. Ati fedhuu baattus isaa jettee akka kajeelte itti himuu qabda. Kana gochuun kee jaalala isaaf qabdu agarsiisa. Innis akka si jaallatu ni taasisa.
4.Hasaawaa hin barbaachisu
Hasawaa irraa of qusachuu. Yeroo raawwatamu san haalli isaa sitti toluu dhiisuu danda’a. Ta’us garuu yeroo sanitti natti hin tolle, akkana godhi, akkas godhi jettee itti dubbachuu hin qabdu.
Osoo hin raawwanne yookin erga raawwattanii booda guyyaa biraa hasoofsiisi malee siree gubbatti natti hin taane jetteenii moraalii isaa tuquu hin qabdu.
5.Ofirraa fageessuu dhiisuu
-Dhiibuu irraa of qusachuu. Inni kajeelee ati garuu kan hin barbaanne yoo ta’e hin ta’u jettee diduun akka sirraa fagaatu godha. Kana diduun kee waanuma hundaanuu akka isa jibbitetti lakkaa’ee si dheessuu danda’a. Kanaaf yeroo inni fedhu kamuu itti maxxanuun gaarii ta’a.
– Walumaa galatti fedhiin dhiiraf dubaraa yeroo walqunnamtii saalaa garaagarummaa qabaachuun isaa waan beekamuudha. Kanaaf fedhii walii jiddu galeeffachuudhan inni miira ofiirra kan ishiitif iddoo qabaachuu, ishiinis akkasuma miira isaatif iddoo laachudhaan wal gammachiisaa raawwachuun murteessadha.