
Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkeen uummatni Yukireen Raashiyaa injifachuun isaa waan oolu mitii ilaalcha jedhu akka qaban BBC’tti himan.
Waraanni kun yeroo hanga kamiif akka turuu maluu kan hin ibsine Biliinkeen uummatni Yukireen garuu injifachuun isaa waan oolu mitii jedhan.
Biliinkeen ”damdamannaa addaa” uummata Yukireen dinqisiifataniiru.
”Yaadni Mooskoo mootummaa Yukireen buqqisuun mootummaa haaraa isheef ergamu dhaabuudha yoo ta’e, lammiileen Yukireen miiliyoona 45 ta’an karaa kamiinuu dura dhaabachuuf ta’u” jedhan Biliinken.
Waraanichi hanga ammaatti akka pireezidant Vilaadmiir Puutuun karoorsan deemaa hin jiruu jedhan.
Ministirri Haajaa Alaa US, waahillan isaanii Gamtaa Awurooppaa waliin Biraaseelsitti erga mariyatanii booda kan BBC’f ibsa laatan. dippiloomatiin kun guyyoota jahaaf Awurooppaa daawwachuutti jiru.
Hawaasni idila addunyaa Yukireen gargaaruudhaaf wanta gochuu qabu hunda ni godhaa kan jedhan Biliinkeen, inni ijoon, ”Waraana Vilaadmiir Puutiin filatee itti gale akka xumuru dhiibbaa ni goona” jedhan.
Yukireen ni injifattii jedhamanii yoo gaafataman ”yeroo keessa injifachuun ishee mirkana” jedhan.
”Hammam akka fudhatu sitti himuu hin danda’u. Ta’uus Raashiyaan fedha isheef ni jilbeeffatti uummatni miiliyoonni 45 hiree hegeree fi bilisummaa isaaniif Raashiyaan Yukireenirra quba hin keewwattu jechuuncichanii falmachaa jir, kuni waan himu hedduu qaba.”
Biliinkeen itti dabaluunis muddamni kun hammaachaa deemuu isaarraa yaadoo qabaachuu dubbataniiru.
”Dhimmichi waan nu dhibu fi irratti xiyyeeffannuudha sababni isaas waraanni amma Yukireenitti adeemaa jiru isa caalayyuu hammaachuu mala.”
Humnoonni Raashiyaa namoota nagaarratti tooftaa ”ajjeechaa hamaa” fayyadamaa jiruu jechuun kan akeekkachiisan yeroo ta’u, dararamni uummataa akkan guddaadha jedhan.
Humnoonni Raashiyaa bu’uura misoomaa fi jireenyaa akka bishaan, anniisaa elektiriikiifi kaan uummata dhabsiisaa jiru jedhan. Tooftaan kun akka carraa ta’ee itti fufuun isa ahin oolu kuni daraaraa hammeessa jedhan Biliinken.
Mooskootti mootummaan akka jijjiiramu US fedha qabdii? gaaffii jedhuuf Biliinkeen yoo deebii laatan ”Isa hin barbaannu, inni haala kamiinuu dhimma keenya miti. Uummatni Raashhiyaa hooggana isaa irratti ofii murteeffachuu qaba” jedhan.
”Wantiin uummata Raashiyaan jedhu: weerarri waraanaa kun… akkamiin fedha keessa, dantaa keessan tajaajila?”