Yukireen waraana Raashiyaa 5,840 ajjeeseera jette. Dabalataan qabeenya heddu jalaa barbaadeesse karaasaa guddaa irraan gahe jette.


Humni waraanaa Yukireen akka jedhutti, gabaasni jalqabaa gaggeeffame akka agarsiisutti erga gaafa Yukireen weerarmtee kaasee humnoota Raahsiyaa gama hundaan kasaaraan mudateera.

BBC garuu gabaasa kana hin mirkaneeffanne, garuu ministeerri ittisaa UK humnoonni Mooskoo weerara Yukireen irratti banan kanaan kasaaraan guddaan akka isaan qaqqabe amana.

Akka Yukreen jettutti kasaaraan humnoota Raashiyaarra gahe:

loltoonni 5,840 ajjeefamuu
Xiyyaaronni 30 rukkutamuu
Helikoopteroonni 31 rukkutamuu
Taankiiwwan 211 gubachuu
Konkolaataawwan loltootaa hidhannoon bahan 862 gubachuu
Sistemoota meeshaa 85 hojii ala ta’uu
Sistemoonni farra xiyyaaraa 9 hojii ala ta’uu
Taankiin boba’aa 60 gubachuu
Konkolaataawwan biroo 355 gubachuu
Dhukaastuun rookeetii 40 MLRS fudhatamuu

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *