
Yunivarsiitin Madda Walaabuu Sababa waraanatiin kan miidhaan irra gahee ture Yuunivarsitii Walloo deebisanii hojiitti galchuuf kan oolu deeggarsa meeshaalee addaa addaa taasise.
Meeshaalee deeggarsaan kennaman kuni kan qarshii miliyoona1.2 olitti tilmaaman yoo ta,u meeshaalee tajaajila biiroo keessaatiif oolan kan akka minjaalaa, piriintara, meeshaalee laabiratooriii akkasumas nyaata barattootaa qopheessuu fi itti nyaachuuf kan tajaajilanidha.
Deeggarsi kun hanga Yuunivarsitiin Walloo humna guutuun hojiitti galuu danda’utti kan itti fufuufi kan isaan cinaa dhaabannu ta’uu carraa kanaan ibsina.