Zayita nyaataa sababbaan gatiin dabalamuuf tokkollee hin jiru jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee yeroo ammaa Zayita nyaataa dabalatee shaqaxoota bu’uuraa biroorratti sababaan gatiin dabalamuuf tokkollee hin jiru jedhan.

Hanqinni oomishaa jiraatus oomisha jiru karaa sirriin rabsuun hawaasaan gahuu qabna jedhaniru.

Aadde Adaanech haasaa har’a sirna eebba daandiwwan magaalicha keessatti ijaaramanirratti taasanin ” yeroo ammaa haala adda ta’een zayita nyaatarrattis ta’ee shaqaxoota biroo irraatti sababaan daballiin gatii taasifamuuf hin jiru jedhaniiru.

Koreen bulchiinsi magaalicha hundeesse eda galgala namoota seeraan ala zayita nyaata gara biraatti godaansisaa turan to’achuu himaniiru.

kanneen seeran ala gatii dabalan irrattis tarkaanfii seeraa fudhachuun jalqabamuu himaniiru.

Hawaasnis kanneen hojii seeraan alaa raawwatan kanneen saaxiluu akka qabu eeraniiru.

Shamatootaf oomisha birrii biiliyoona tokkoon gara gabaatti akka baasan taasisneerra.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *