
Rakkoon kun sanyiin dhiiraa(Ispeermii) qaama saalaa dubartii keessa yoo seenu ykn gogaa naannoo qaama saalaa ishee jirutti yoo buhe qaamni isaanii akka qaama alagaatti lakkaa’uun alarjii itti uumuun miidhaa irraan geessisu danda’uu jechuudha.
Rakkoon kun rakkoo hedduminaan mul’atu tahuu baatus biyya ameerikaa keessatti case kun dubartoota 40,000 irratti mul’ateera.
baay’inaan shamarran irratti kan mul’atu yoo tahus dhiirota irrattis ni mul’ata.
Rakkoon kun wal-qunnamtii saalaa booda daqiiqaa 20-30 booda kan mudatudha.
Dubartoonni mallattoo akkamii agarsiisu
-wal-qunnamtii saalaa booda gubaatii hamaa qaama qaama saalaa keessaa ykn gogaa naannoo qaama saalaa isheerratti mul’ata.
-naannoon qaama saalaa baay’ee hooqsisuu
-dhiitahuu naannoo qaama saalaa
-diimachuu naannoo qaama saalaa
Mallattoon kunis dhiirota irratti sanyiin dhiiraa ykn ispeermii fiixee qaama saalaa isaaniitti yoo buhe alarjii itti tahuun mallattoo akka dadhabbii garmalee, dhiitahuu qaama saalaa, diimachuu fikkkf saaxilamuu mala.
Rakkoon kun yoo hammaate qaama isaanii biroo irratti miidhaa geessisuun sadarkaa hamaaf saaxiluus dandaha.
Kanaaf namoonni rakkoo akkasiif mallaattoo kana qabdan mana yaalaa deemaa.