Amala Dubartootaa kanneen beektuu?

◈ Dubartiin takka dhugaan si jaalannaan hariiroon ishii waliin qabdan ciminaan akka itti fufuu fi umurii dheeraa qabaatuf dhagaan ishiin hin gara galchine hin jiru. Garuu, yeroo takka takka ulfina hariiroo jaalalaa hunda humnaa fi dandeettii ittiin ba’atan dhabuu irraa kan ka’e dadhabuu fi nuffuun irraa mul’ata. Yeroo kana sirritti dhimmamuufi/ yaaduufi kee itti mul’isuun barbaachisaa dha.

➲ Yeroo tokko tokko itti dhiheenya ati ishiif qabdu ilaaluuf harka kee keessa baatee yookaa bobaa kee jalaa baatee sirraa achi fagaattee deemuu filatti. Yeroo kana si waliin deemuu tuffattee yookaa balfitee osoo hin taane, hangam akka ati ishii malee dhaabbattee deemuu dandeessu yookin akka nama meeshaa qaaliin takka harkaa baatetti hangam akka ati harkaan ishii jala fiigdu ilaaluuf ta’uu mala. Ati ammoo cal’iftee hin laalin. Hatattamaan harka ishii harka kee keessatti deebifadhuu ofitti maxxansii dhungadhu.

➲ Yeroo takka takka hangam ati ishii waliin hidhata gaarii fi walitti dhi’eenya cimaa qabdu, akkasuma ishii waliin walitti dhi’aachuuf carraaqqii ati gootu baruuf, dhiibdee halaalatti ofirraa achi fageessitee si darbiti. ,Yeroo ishiin si darbitu kophaa kee hin wacaafaminiiti ishiis qabadhuu darbatami. Yookin immoo akkuma darbamtetti hin hafinii dafii gara ishiitti utaali. Hariiroon teepha jabaan walitti hidhame haala kamuu keessatti addaan nama hin fageessitu waan ta’eef, ati kuftuus, kaatuus ishumaa waliin akka jirtuu fi ishii malee kophaa akka humna hin qabne mirkaneessiif.

➲ Yeroo tokko tokko hangam akka ati xiyyeeffannaa laattuuf hubachuuf si faalleessiti. Yeroo kana osoo omaa hin dubbanne gurra qalbitti qabuun waa hundarraa bilisa ta’ii dhageeffadhu. Waan ishiin jechaa jirtuus faallaa fi mormii tokko malee hordofi. Gurra qofa osoo hin taane harkaafi ijaaniis osoo omaa hin hojjanne xiyyeeffannaa laadhuuf. Dubartoonni xiyyeeffannaa gaarii akka kennaa qaaliitti ilaalan waan ta’eef.

➲ Yeroo tokko tokko hangam akka ati jala ceetee dhaqqabdu, qabdee bobaa kee keessatti deebifattuu fi sirnaan ofitti qabdee hammachuuf carraaqqii gootu ilaaluuf, daandii waliin deemaa turtan irraa of duuba deebitee deemuu dandeessi. Yeroo kana tasuma dhaabbattee hin waamin, yookin bakkuma dhaabbattutti maaliif akka hin deebine hin gaafatin. Jala fiigii dhaqqabii, irree kee keessa galfachuun ofitti qabii. Namni nama jaalatu ofitti maxxansee hammata waan ta’eef.

➲ Yeroo tokko tokko lafumaa kaatee siin jibba siin jetti. Garuu, si jibbitee osoo hin taane, haala kamuu keessatti hangam akka ati jaalattu hubachuufi mirkaneeffachuu qofaafi. Sin barbaadu yoo ishiin siin jette deebiin kee waan biraa osoo hin taane, haala hunda keessattillee baay’een si jaaladha’ kan jedhu qofa ta’uu qaba. Namni nama jaalatuun hangam jibbamullee jaalachuu dhiisuun hin danda’amu waan ta’eef, onneen isaa namni sun na jibbe jettee jaalachuu irraa of dangeessuu hin dandeessu. Miirri jaalalaa akkuma barbaaddeetti kan ati uumtee balleessitu osoo hin taane, akkuma beelaafi dadhabbiitti miira ofumaaf uumamuu dhisjetteeeaf, miirri beelaa nyaachuun kan dadhabbii boqochuun furmaata laachuun danda’ama. Akkasuma miirri jaalalaatiis ishiin si jibbiteef kan sirraa baduu miti. Yoo ishiin sin jibba/sin barbaadu siin jettu tasa hin na’in. Tasgabbiin ol hiixadhuu ‘’ani yoomillee ‘sin jaaladha’ ati cinaa qaama kiyyaati’’ jedhii deebisiif.

➲ Yeroo tokko tokko barbaachisummaa ishii hubattee, sarara jireenya keetii keessatti galfachuuf bool’a meeqa utaaltee akka ati ishii bira dhaqqabde baruuf jettee si dhiiftee yeroo hanga tokkoof sirraa fagaatti. Sababni waan ati jechaan itti himte osoo hin taane waan ati gochaan itti mul’iftu onnee ishiitif gatii qaba. Dhimmi guddaan jecha kee osoo hin ta’in, kan madaalamtuun gocha keetini. Kanaaf, yeroo dhibba si dhabuu hin danda’u jettee dubbachuurra, yoo ishiin tasa sirraa achi fagaattu na gante, na darbite jettee osoo irraa hin fagaatin jala fiigii qabuuf tattaafadhu.

💫 Jo

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *